ONM-ABO Guraandhala 12, 2024
Ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti murna bilxiginnaan, golee Oromiyaa mara keessatti taasifamu daran jabaachaa kan jiru yoo ta’u, hidhattoota meeshaa maalif akka baatu hin beekneen guyyaa guyyaa lubbuun namoota qulqulluu galaafatamaa oola.
Akkuma Kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee harawaa ganda Madiine kunniyyoo Keessatti gaafa Guraandhala 9, 2024 waraanni faashistii PP gandichatti bobbaafaman nama nagaa hojii qonnaa hojjechuun maatii isaa jiraachisu, kan maqaan isaa Huseen Hasan jedhamu Oromummaa isaa qofaan yakkuun rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu maddeen dubbatan.
Namni kuni Abbaa maatii yoo ta’u hojii qonnaa hojjechuun maatii isaa kan jiraachisu malee siyaasa kam keessaa qooda akka hin qabne jiraattotni dubbachuun gandicha keessatti sarbamiinsi mirgoota namoomaa hidhattoota sirnichaan uummata nagaa irratti adeemsifamaa jiru daran jabaatee jiraachuu dabaluun dubbataniiru.
Oduu hidhaatiin ammoo ganduma Madiinee keessaa, hidhattootni kunneen nama maqaan isaa Umar Abbaa Ahimuu jedhamu abbaa maatii kan ta’e, guyyuma nama nagaa kana ajjeesan kan hidhan yoo ta’u, Haadha manaa isaa Kadijjaa Imaam jedhamtus gaafa Guraandhala 8, 2024 isa manaa dhabnaan Daa’ima xiqqaa waliin hidhanii kan jiran yoo ta’u, Abbaa manaa ishees qabuun maatiin isaanii Haadhaa fi Abbaan irraa hidhamuun rakkoo keessa jiraachuu isaanii maddeen ONM’tti himan.
Namni adda durummaan namoota hiisisaa fi ajjeechaa kana namoota nagaa irratti raawwachiisaa jiru bulchaa ganda Madiinee nama maqaan isaa Ahimad Mohaammed Ahimed jedhamu ta’uus dabaluun addeessaniiru.

