ONM-ABO Guraandhala 13, 2024
Murni bilxiginnaa tuffii uummata Oromoof qabu ifaaf ifatti muldhisaa kan jiru guyyaa guyyaan, gochoota suukanneessaa hawaasa nagaa irratti raawwatu jabeessuun, kallattii tokkoon ajjeesaa, hidhaa saamaa fi karaa biroon ammoo leenjii milishummaaf jechuun humnaan dirree waraanaatti guuraa kan jiru ta’uun beekamaadha.
Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa keessatti gaafa guraandhala 11, 2024 hidhattootni murna bilxiginnaan uummata nagaa akka goolaniif bobbaafaman, ganda Tullu Sadeen jedhamu keessatti dargaggoo waggaa 18 kan maqaan isaa Awwal Mohammed Ibraahim jedhamu yakka tokko malee rasaasa itti dhukaasuun madeessanii yeroo ammaa hospitaala Daseetti dabarfamuun du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu isaa maddeen gamasii ibsan.
Dargaggoon kun hojii qonnaa hojjechuun ofii fi maatii isaa kan jiraachisu yoo ta’u, murni jiraachuu ilmaan Oromoo hin barbaannee fi Itoophiyummaa ijaaruuf dhama’aan Oromummaa qofaan yakkuun akka rukutanis dabaluun dubbatan.
Oduu biraatiin ammoo Kaabuma Oromiyaa godina Walloo ganda Manduuboo keessatti hidhattootni murna maafi’aa PP maatii qabsaa’otaa fi deggertoota waraana Bilisummaa Oromooti jechuun namoota maatii qabsaa’otaa jedhaman manaa ari’aa jiraachuus himan.
Namoota manni manaa ari’aman keessaa kan maqaa arganne Bashiir Amiinii fi Indirroo Adam kan jedhaman ergaa hidhattoota sirnichaan mana isaanii irraa ari’amanii guyyaa 5 lakkoofsisanii jiru jechuun maddeen keenya ONM tti himan,

