Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaa fi Dawwee Harawaa keessatti hidhattoota sirnichaan hidhaa fi reebichi namoota nagaa irratti geggeeffamu jabaachuu ONM jiraattota irraa qulqulleeffate

ONM-ABO Sadaasa 14, 2024 

Murni Bilxiginnaa siyaasa harkatti kufe, hiddaan gadi dhaabee ijaaruuf jecha hawaasa nagaa siyaasa irraa walaba ta’ee jiraatu hidhuu, reebuu, saamuu fi ajjeesanii jiilchuu kan jedhu tooftaa waraanaa godhachuun Oromiyaa bakkeewwan adda addaa keessatti uummata nagaa irratti rakkoolee jajjabduu uumaa jiru. 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa magaalaa Sanbatee keessaa Wiixata Sadaasa 11, 2024 waraanni weerartuu PP namoota nagaa 2 kanneen  maatii ta’an maqaan isaanii Mahaammad Hasan Adam fi Ammee Shaafii Hasan jedhaman badii tokko malee mana isaanii keessaa qabuun reebicha ulfaataa erga irraan ga’aniin booda,  harka duubatti hidhuun waajjira poolisii magaalaa Sanbateetti hidhanii dararaa jiraachuun ifoomeera. 

Oduuma hidhaan wal qabatuun ammoo godinichuma aanaa Dawwee Harawaa ganda Qeemmee fi Haroorantii jedhamu keessaa Sadaasa 10, 2024 milishoonni sirnichaa dargaggoo maqaan isaa Mahaammad Ahimed Muhee jedhamuu fi bulchaa Bilxiginnaa ta’uun yeroo muraasaaf sirnicha tajaajilaa kan ture nama maqaan isaa Obbo Shaafii Ahimed jedhamu hidhata WBO qabda ittiin jechuun humnaa ol reebanii magaalaa Booraatti hidhanii jiraachuu jiraattotni onichaa dubbatan.

Akka jiraattotni aanaa Jiillee Dhummuuggaa fi Dawwee Harawaa jedhanitti, namoonni 2 magaalaa Sanbatee keessaa kan qabamanii fi dargaggoon tokko aanaa Dawwee Harawaa irraa hidhattoota murna Bilxiginnaan reebamuun hidhaman kunneen namoota nagaa jiruu fi jireenya isaanii geggeeffachuu malee siyaasa paartii kamiiyyuu kan hin deggerre ta’uu yoo dubbatan, gartuun uummata Oromoo qofa dararuu hojii idilee isaanii taasifatan hidhattootni Koloneel Abiy Ahimed kun namoota kanneen Oromummaa isaanii qofaan yakkuun hidhanii dararaa akka jiran dabaluun himaniiru.

Exit mobile version