Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti namoonni nagaan hidhamuun maallaqa gaafatamuu, miidhaan qaamaa irra gahuu fi jiraattonni qe’ee isaanii irraa buqqa’uun jabaate

ONM-ABO Fulbaana 29, 2024

Bilxiginnaan sochii duula WBO balleessuu jedhuun godina Walloo aanaalee  garaagaraa keessatti sarbamiinsa mirgoota namoomaa hawaasa nagaa irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, sochii maqaa sakatta’iinsa WBO jedhu kanaanis godinicha keessaa aanaalee akka Jiillee Dhummuuggaa,  Harxummaa Fursee, Dawwee Harawaa, Baatee fi Daawwaa Caffaa keessatti hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin durfamaniin ajjeechaa, hidhaa, saamicha, buqqaatii fi gubaatiin raawwatamu kan duraa caalaatti daran jabaatee itti fufeera.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti milishoonni sirnichaa hawaasa nagaa akka dararaniif gandichatti bobbaafaman jiraattota irratti dhukaasa banuun miidhaa dhaqqabsiisuu fi namoota hedduus tumanii caccabsuun maallaqa guddaa gaafachaa jiraachuun barameera. 

Fulbaana 27, 2024 aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti milishoonni PP ganda Marar buufatanii jiran, ganda Mataa Horaa fi Mataa Horaa Qabbana’aa  keessatti waaree booda toora sa’atii 8:00’tti qe’ee hawaasaatti marsuun dhukaasa jiraattota irratti bananiin miidhaa jabaa namaa fi qabeenyaa jiraattotaa irraan yoo ga’an namoota hedduus reebuun hidhaniiru.

Namoonni Fulbaana 27, 2024 ganda Mataa Horaa keessaa milishoota sirnichaan reebamuun miidhaan irra ga’ee hidhaman kun maqaan isaanii maanguddoo ganna 80 kan ta’an Obbo Hasan Yaaqub Alii, Obbo Umar Mahammad Michuu fi Ahimed Mahaammad Muftii kanneen jedhaman yoo ta’an, namoota kanneen badii isaanii malee reebicha ulfaataa irraan ga’uun hidhaniiru jedhu jiraattotni.

Akka jiraattotni onichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise himanitti, Obbo Umar Mahaammad Michuu kan jedhamu qarshii fi bilbila harkaa irraa saamuun akka malee reebanii caccabsanii jiraachuu fi yoo qarshii 200,000 kaffalte malee hin baatu ittiin jechuun doorsisaa turuu himan. 

Dhukaasa milishoonni murna maafiyaa PP kun hawaasa nagaa irratti bananiin qabeenyaan namoota hedduu kan maqaan adda hin baane, gaala, loon, re’ee fi kkf’n  hedduu kan mancaasaniin cinatti milishoonni kanneen kaanis saamaa turuu yoo dubbatan sababa kanaanis jiraattotni lakkoofsaan  danuu ta’an keessattuu maatiin qabsaa’otaa qe’ee fi qabeenyaa isaanii dhiisanii lubbuu isaanii oolfachuuf jecha baqachaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version