Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti ergamtoota murna Bilxiginnaan hidhaa, saamichaa fi reebichi namoota nagaa irratti raawwatamu jabaachuu maddeen onichaa ONM’tti himan

ONM-ABO Onkoloolessa 27, 2024 

Gidiraa fi roorrifama akka waan uummanni Oromoo walii galee fuudheetti kan fudhatan waraanni saayinsii waraanummaa hin beeknee fi dantaa mataa isaanii qofaan gowwomfamuun Koloneel Abiy Ahimed aangoo irra akka tursanii fi uummata Oromoo akka goolaniif qe’ee hawaasa nagaatti bobbaafaman gochoota  akka hidhaa, ajjeechaa, gubaatii, reebicha, buqqaatii fi saamicha hawaasa nagaa irratti raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiru. 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Yaatuu keessatti Onkoloolessa 25, 2024 waraanni fi milishoonni murna nama nyaataa PP waliin ta’uun maqaa sakattaa WBO jedhuun qe’ee hawaasaatti bobba’anii namoota nagaa 3 kan maqaan isaanii Adam Mohaammad Ammee Darasoo, Muusaluu Umar Muusittii akkasumas ganda Mata-Horaa irraa dargaggoo Ahimed Bushii kanneen jedhaman iddoo isaan midhaan eegaa jiranitti dhukaasa irratti banuun qabanii saamichaa fi reebicha cimaa irraan ga’uun dhagaa’ame.

Akka namoota gandichaa irraa ONM qulqulleeffatetti, namoonni hidhattoota sirnichaan hidhaman kunneen siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabnee fi hojii idilee isaanii qofa irratti xiyyeeffachuun kan jiraatan ta’anis, gareen shororkeessaan Bilxiginnaa kun maqaa seelii WBO’ti, eeruu laattuu fi ni nyaachiftu jedhuun sobaan yakkanii dhukaasa irratti banuun reebanii yoo hidhan, mana dargaggoo Ahimed Bushii seenuun maallaqa 200,000’tti tilmaamamuu fi bilbila isaas harkaa fuuchuun isaaniin ammoo hidhanii jiraachuun ibsameera.

Oduu saamichaan wal qabatuun ammoo aanichuma magaalaa Sanbatee keessatti waraanni faashistii PP jalqaba ji’a Onkoloolessaa keessa abbaa qabeenyaa magaalichaa kan ta’e nama maqaan isaa Abbaa Salaam jedhamu dukkaana isaa keessaa gadi baasuun wantoota dukkaanicha keessatti argaman cufa yoo saaman, isa ammoo garmalee reebuun miidhaa irraan ga’anii torban tokkoo ol hidhanii hiraarsuun gadi lakkisuu isaanii  jiraattotni magaalichaa dabaluun dubbatan.

Osoo hawaasni nagaan aanaa Jiillee Dhummuuggaatti hidhattoota sirnichaan ajjeefamaa, hidhamaa, saamamaa, manneen jiraattotaa fi manneen amantaa illee osoo hin hafne gubachuun barbadaa’ee uummanni nagaan qe’ee irraa buqqifamaa jiruu, bulchaan godina Walloo Obbo Ahimed Ali Abbaa Afuroo Onkoloolessa 24, 2024 aanaa Jiillee Dhummuuggaatti argamuun haasaa taasisaa tureen, uummata keenya waliin taanee WBO balleessaa jirra jedhee qaanii tokko malee soba dhugaa irraa fagoo ta’e dubbachaa turuu fi uummanni aanichaa ammoo soba inni biifaa ture sana dhaga’uun iddoo isaa qaana’anii har’aa fi borillee gareen sobduu fi ajjeestuun murni bilxiginnaa uummata Oromoo bakka bu’uu akka hin dandeenye hawaasa Oromoo bakka mara jiraniifuu dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

Exit mobile version