ONM-ABO Waxabajjii 11, 2024
Waraanni naamusaa fi naasuu hawaasa Oromoof hin qabne warreen teessuma aangoo nama tokkoo tiksuuf jecha uummata nagaa hiraarsaa jiran, yeroo ammaa maqaa waraana bilisummaa Oromoo da’oo godhachuun baay’inaan qe’ee hawaasaatti bobbaafamuun gochoota badii isaanii kanneen akka ajjeechaa, hidhaa, reebichaa fi saamicha maallaqaa hanga midhaan uummataa dirqiin irraa fuudhanii nyaachuutti hojjechuun namoota nagaa hedduu boossisaa fi qe’ee irraa godaansisaa jiru.
Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaatti bulchaan ganda Baxxee fi Hiddaa Biloo maqaan isaanii Muusaa Adam fi Muhee Alii jedhaman waraana baatii tokkoo oliif aanaa Jiillee Dhummuuggaatti bobbaasuun hulaa namootaa irra deemanii maqaa nyaata waraanaa jedhuun midhaan uummata irraa guuraa fi hawaasni cufti akka hulaa banatuun qarshii 300- 500 kaffaluu qabdu jechuun dirqiin kaffalchiisuun, namoota qarshii jedhame kana kaffaluu hin dandeenyee fi ganamaa fi galgala nyaata waraana bilxiginnaa kanaaf hin laanne qabanii hidhaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Kana malees haadhi ilmaanii abbaan warraa isaanii hidhattoota Finxaaleyyii Amaaraa Faannootiin irraa ajjeefaman hedduun nu waan isiniif laannu hin qabnu, abbaan warraa keenya du’ee ilmaan guddisuunuu nutti ulfaatee jira warreen jedhanii itti himatan qe’ee irraa buqqa’aa fi reebamaa jiraachuun barameera.
Aanichuma ganda Mataharaa keessaa Waxabajjii 7, 2024 abbaa fi ilma nama nagaa Mahaammad jedhamuu fi ilma isaanii maqaan isaa Umar Mahaammad jedhamu badii tokko malee qabuun reebicha ulfaataa irratti raawwachuun hidhan.
Haalli yeroo ammaa jiraattotni aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti argaman akkaan yaaddessaa ta’uu himuun, waraanni murna PP kun baatii tokkoo oliif kan gandicha keessa jiraataa jiranii fi qarshii kanas baatii tokko keessatti kan ammaa waliin marsaa 2’ffaaf kaffalchiisaa jiraachuu himaniiru.
Murni saamtuu fi ajjeeftuun PP kun uummata Oromoo bakka bu’uu akka hin dandeenyee fi waraana keenya kan ta’e WBO waliin taanee sirna ajjeesaa bilxiginnaa ofirraa kaafna kan jedhan jiraattota aanaa kanaati.

