ONM-ABO Caamsaa 31, 2024
Kufaatii dinagdee hamaa yeroo ammaa impaayerattii mudatee jiru irraa dandamachuu kan dadhabe Koloneel Abiy Ahimed impaayeera dullattii dhiiga ilmaan Oromoo xiqqaa hanga guddaa, wallaalaa fi beekaa, osoo hin jedhin dhangalaasaa har’a geesse deebisee suphuuf waraanaa fi kaadiroota isaa qe’ee uummata Oromootti bobbaasuun, afaan qawweetti fayyadamanii saamicha qabeenyaa fi dararrii adda addaa hawaasa Oromoo irratti raawwatan jabeessanii itti fufaniiru.
Bifuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo akka aanaa Jiillee Dhummuuggaatti Caamsaa 28, 2024 irraa eegaluun waraannii fi kaabinoonni PP ganda uummataa irra deemuun maqaa leenjii gaachana sirnaa, uffata milishaa, kophee fi midhaan nyaataa jedhuun namni tokko qarshii 500-1000 kaffaluu qaba jechuun dirqiin kan kaffalchiisan yoo ta’u, namoota harka qalleeyyii fi dadhaboo ta’an nu waan kaffallu hin qabnu jedhanii dhibee isaanii itti himataniif guyyaa 2-3 qabuufiin yoo feetan liqeeffadhaa, guyyaa sana nuuf qopheessuu yoo dhabdan ni hidhamtu jechuun akeekkachiisanii deemuu jiraattotni dubbatu.
Akka jiraataan aanaa Jiillee Dhummuuggaa tokko yaada isaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf qoode jedhutti, namoonni dirqiin maallaqa jedhameen kana kaffalan qabaatanii osoo hin taane ajjeechaa fi hidhaa sodaaf ilmaan keenya beelessinee kaffalle kan jedhu jiraataan kun, namoonni hin qabne ammoo reebamee ni hidhama waan ta’eef, qe’ee isaanii gadhiisuun ooyiruu fi bakkoota garaagaraatti galaa akka jiranis himeera.

