Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee fi Jiillee Dhummuuggaa keessatti hidhaa, saamichaa fi meeshaalee gurguddaa qe’ee hawaasa nagaatti dhukaasaniin qabeenyaan barbaadaa’aa jiraachuun beekame

ONM-ABO Sadaasa 4, 2024 

Gaaffii sabichaa karaa sirrii fi seera-qabeessa ta’een deebisanii hawaasichaaf boqonnaa laachuu irra murni aangoo impaayerattii of harkaa qabna jedhu PP’n humnaa fi meeshaa waraanaa of harkaa qabnuun cabsinee of jalatti bulchina isa jedhu qofa ofitti fudhachuun namoota jumlaan jireenya isaanii mana hidhaa taasisuu fi qe’ee namootaa barbadeessaa jiru.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Qiciicoo keessaa Onkoloolessa 31, 2024 waraanni faashistii PP daa’ima ganna 12 kan maqaan isaa Usmaan Abbagaar jedhamu dhalataa ganda Dheeraa kan ta’e reebichaan qaama isaa laalessuun yoo hidhan, guyyuma sana magaalichuma keessaa dargaggoo maqaan isaa Mahaammad Huseen jedhamu jiraataa ganda Leedii kan ta’e qarshii fi bilbila erga irraa saamaniin booda harka isaa duubatti hidhuun reebicha hammaataa irraan ga’anii magaalaa Qiciicootti hidhuun ibsameera.

Akka jiraattotni jedhanitti, daa’imni ganna 12 fi dargaggoo Mahaammad waa’eedhuma siyaasaa illee kan hin beekne ta’uu himuun, ergamtootni murna Bilxiginnaa kun maqaa hariiroo waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun sobaan yakkanii gabaa walakkaatti garmalee reebuun akka hidhan ibsaniiru.

Dabalataanis  aanichuma gandoota akka Dimbat fi Haraa keessatti meeshaalee gurguddaa hidhattootni sirnichaa Dishqaa fi ZU-23 dhukaasaa turaniin qotiyyoo 1 fi re’oota 5 kan jiraattotni gandichaa dhukaasa irratti banameen dheessuun biraa deeman kan ammaaf abbaan adda hin baane rasaasa loltoota sirnichaan ajjeefamanii  jiraachuun barameera.

Godinichuma aanaa Jiillee Dhummuuggaa gandoota onicha keessatti argaman cufa irraa hidhattootni sirnichaa Onkoloolessa 30, 2024 irraa eegaluun manneen jiraattotaa irra deemanii afaan qawwee itti qabuun maqaa nyaataa fi uffata milishaa jedhuun nama tokko irraa qarshii 500-800 dirqiin harkaa yoo saaman, ganda tokko irraa ammoo qarshii 60,000 hanga 100,000 walitti buusuun dhiyeessuu qabdu jechuun jiraattota doorsisanii saamaa akka jiran ifoomeera.

Akka jiraattota aanaa Jiillee Dhummuuggaa ONM dubbise tokko tokko jedhanitti, namoonni maallaqa jedhameen kana kaffaluu hin dandeenye ni ajjeefamna, ni hidhamna fi garmalee reebamuun qe’ee irraa buqqifamna waan ta’eef, kan hin qabnes sodaa lubbuu keenyaaf jecha namoota irraa liqeeffachuun maatii keenya agabuu bulchinee qixuma sooressa tokkoo kaffalaa jirra jedhan.

Nuti garuu ilmaan keenyaaf huccuu fi kophee tokko bitaa hin jirru, sababni isaas oomisha midhaanii waggaatti al takka qofa waan galfannuuf harkaa gara afaaniitti deebineerra, yeroo dhiyootti beelaaf saaxilamuun keenyas hin oolu jechuun waan keessa jiran dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.

Exit mobile version