Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhaa fi reebichi hidhattoota sirnichaan jiraattota irratti raawwatu jabaate

ONM-ABO Adoolessa 13, 2024

Erga sirni bulchiinsa bilxiginnaa aangoo impaayera Itoophiyaa sirna EPRDF harka ture qeerroo fi qarreen dhiigaa fi lafee itti cabsuun buqqisanii diimokiraasii dhugaa hundeessuuf warraaqsa finiinsan firii isaa butee kaasee, sabni Oromoo boqatee qe’ee isaa irra nagaan jiraatee hin beeku.

Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Cirrattii keessatti Adoolessa 11, 2024 milishoonnii fi waraanni faashistii PP magaalicha keessa qubsiifamanii jiran nama maqaan isaa Ahimad Adam Aliyyii jedhamu reebicha ulfaataa irratti raawwachuun maallaqaa fi bilbiloota harkaa irraa saamuun hidhaniiru jedhu.

Akka jiraataan magaalaa Cirrattii ONM dubbise himutti dargaggoo Ahimadeen manni isaanii Cirrattima ta’uu himuun, caasaa bilxiginnaa kan ta’e Adam Wadaddar nama jedhamuun qe’ee isaa irraa yeroo sadii ari’amuun fira isaa biratti kan galee ta’uu dubbata.

Adoolessa 11, 2024  dhukkubsatee dhukkubni isaa waan itti cimeef hospitaala Cirrattii dhaquu isaa himuun, yeroo inni hospitaala seenu tikoonni bilxiginnaa argaa waan jiraniif osoo inni qoricha hin fudhatin qawwee itti qabuun kottuu ba’i, maaliif magaalaa kana dhufte? ittiin jechuun wanta inni harkaa qabu erga irraa fudhataniin booda uleedhaan tumuun hidhaatti darbataniiru jechuun namni kun ibsa.

Galgala sa’a 12:00’tti obboleessi quxxisuun Ahimadee  dhukkubni isaa itti cime moo jedhee gaafa hospitaala dhaqu milishoonnii fi waraanni  sirnichaa lafa qabatanii eeguun hanga bireenii osoo hin hafne itti dhukaasuun ajjeesuuf yaalanis fiigee harkaa ba’ee jira.

Adoolessa 11, 2024 guyyaan Kamisaa guyyaa gabaa magaalaa Qiciicoo waan ta’eef milishoonnii fi raayyaan ittisa impaayerattii magaalicha keessa buufattee jirtu namoota muuzii, mangoo fi k.k.f gurguran bira deemuun gatii gaafatanii nutti qaalessitan jechuun qarshii tokko osoo hin kaffaliniif  dirqiin jiraattota irraa saamanii  turuu dabaluun dubbatan.

Dabalataanis magaaluma Qiciicoo keessatti raayyaan ittisa impaayerattii sabaan Amaaraa ta’e tokko dargaggoo tokko qabuun bilbila irraa fuudhee  bilbila kee keessattin waa arge jedhee reebicha ulfaataa irraan erga ga’een booda bilbilicha harkaa fudhatee gadhiisuun barameera.

Exit mobile version