ONM-ABO Adoolessa 19, 2024
Dargiin kudhan ajjeesee dhibba sodaachisa kan jedhu mataan nafxanyaa Abiy Ahimed hidhaa, reebichaa fi saamicha akka meeshaa waraanaatti dhimma itti ba’uun maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo hidhuu, reebuu fi qe’ee irraa godaansisuu jabeessee itti fufeera.
Bifuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Fursee keessatti Adoolessa 16, 2024 waraanni sirnichaa dabballoota PP of dura buusuun namoota nagaa irratti reebicha cimaa fi saamicha raawwachuun hidhaa turuu maddeen dubbatu.
Namoota hidhattoota sirnichaan Adoolessa 16, 2024 hidhaman keessaa muraasni kan maqaan nu ga’e Ahimed Mahaammad Umar, Ahimed Abduu, Muusaa Mahaammad fi Abduu Mahammad kanneen jedhaman waan isaan harkaa qaban cufa irraa fudhachuun hidhaniiru.
Namoonni kunneen dabballoota PP’n qe’ee isaanii irraa baatii lamaaf maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota WBO’ti jedhamuun ari’amanii turuu fi waqtiin kun yeroo qonnaan bultootni ooyruu qotachuun midhaan oomishatan waan ta’eef ni qotanna jedhanii qe’ee isaaniitti baatiidhuma Adoolessaa keessa kan deebi’an ta’uu jiraataan gandichaa tokko ONM’tti himeera.
Akka jiraataan magaalaa Fursee kun jedhutti qonnaan bultootni yeroo kana midhaan oomishuu yoo dadhaban waggaa dhufu kan beela’an ta’uu himuun, namoonni kunneenis ni qotanna jedhanii qe’ee irraa ari’amanii turanitti deebi’anis akka isaan yaadan osoo hin taane hireen isaanii hidhattoota murna bilxiginnaan mana hidhaa ta’eera jechuun miira aariin dubbateera.

