Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti waraana faashistii PP’n hidhaa fi reebichi namoota nagaa irratti raawwatu jabaate

ONM-ABO Onkoloolessa 21, 2024  

Taateen ilmaan Oromoo irratti garee abbaa irree Koloneel Abiy  Ahimediin guutuu Oromiyaa keessatti ajjeechaa, hidhaa, saamicha, gubaatii fi buqqaatii dabalatee raawwatamaa jiru sadarkaa sanyii duguuguu irra ga’uun, akka sabaatti yaaddoo jiraachuu keessa ilmaan Oromoo galcheera.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti namoonni nagaan hidhattoota sirnichaan reebichi cimaan irratti raawwatamuun hidhamaniiru.

Onkoloolessa 18, 2024 aanaa Harxummaa Fursee ganda Laaftoo keessaa namoonni nagaan shan maqaan isaanii:

  1. Hasan Amadee, 
  2. Umar Amadee,
  3. Abduu Hasan,
  4. Indiris Umarii fi obboleessa isaa 
  5. Ahimed Umar kanneen jedhaman waraana faashistii PP’n badii malee reebamuun magaalaa Caffaa Roobit keessatti hidhamanii jiraachuu maddeen nuuf himan. 

Namoonni waraana goolessituu PP’n badii tokko malee reebamuun hidhaman kun qonnaan bultoota maatii isaanii guddifachuu fi jireenya isaanii fooyyeffachuuf carraaqan malee siyaasa paartii dhaaba kam irraa bilisa ta’an ta’uu isaanii maddeen himuun, gartuun jiraachuu ilmaan Oromoo hin barbaannee fi Itiyoophiyummaa ijaaruuf ifaajan waraanni weerartuu Abiy Ahimed Oromummaa isaanii qofaan yakkuun garmalee reebanii hidhanii dararaa akka jiran dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version