Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee fi Daawaa Caffaatti waraana murna bilxiginnaan hidhaan yoo raawwatamu, hidhattoota Finxaaleeyyii Amaaraan ajjeechaa fi mancaatiin qabeenya hawaasaa irratti raawwatame

ONM-ABO Adoolessa 30, 2024

Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo hidhaa, ajjeesaa, saamaa fi qe’ee irraa buqqisaa  osoo jiruu itti quufuu dadhabuun, hidhattoota finxaaleeyyii Amaaraa maqaa uummata Amaaraa eegdu jedhuun meeshaa hidhachiiseen duula duguuggaa sanyii kanneen akka saamicha, buqqaatii, gubaatii manneenii fi ajjeechaa uummata Oromoo irratti raawwachiisaa turee fi kan itti jiru yoo ta’u, yeroo ammaa garuu kan duraa caalaatti jabeessanii itti fufaniiru jechuun ibsan.

Akkuma kanaanis, Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Tuchee keessatti Adoolessa 28, 2024 lola hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon kun uummata irratti meeshaalee gurguddaa fayyadamuun taasisaa turaniin namni maqaan isaa Ahimed Usmaan Umaruu jedhamu ajjeefamuun qabeenyaan jiraattotaa hedduunis barbadaa’uu dubbataniiru. 

Oduu hidhaatiin ammoo godinichuma aanaa Harxummaa Fursee ganda Qorii Fursee Hijiraa keessaa Adoolessa 27, 2024 waraanni faashistii PP qe’ee hawaasaatti marsuun deggartoota WBO’ti akkasumas, eeruu laattuuf maqaa jedhuun namoota nagaa kanneen maqaan isaanii Adam Ammee, Aliyyee Ahimed fi Adam Ammee Umaree jedhaman miidhaa qaamaa jabaa irraan ga’uun mana hidhaatti darbachuu isaanii yaada jiraataan ganda Qorii irraa ONM dubbise tokko kennerraa hubachuun ni dandaa’ama.

Exit mobile version