ONM-ABO Waxabajjii 30, 2024
Sirni badee balleessaan bilxiginnaa duula Irbuu Shinniggaa ABO-WBO’n guutuu Oromiyaa keessatti labsamee keessattuu Waxabajjii 28, 2024 bifa haaraan itti fufeen tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo irratti fudhatuun baaraaguun waraana dirree irraa isa lolu dheessuun uummata meesha maleessa qe’ee isaa keessatti meeshaalee gurguddaa itti dhukaasuun ajjeechaa fi madoo akkasumas mancaatii qabeenyaa hawaasa irratti raawwachaa jiru.
Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee ganda Raasaa bakka addaa Laaftoo jedhamutti sababa WBO’n tarkaanfii ergamtoota murna bilxiginnaa irratti fudhate qofaaf Waraanni Faashistii PP rifaatuu guddaa keessa seenuun namoota nagaa irratti ajjeechaa fi madoo raawwataniiru.
Namoota nagaa Waxabajjii 29, 2024 hidhattoota sirnichaan ajjeechaa fi madoon irratti ta’e kana keessaa dargaggoo Adam Kanfii jedhamu ajjeefamuun dargaggoonni lama kan maqaan isaanii nu hin geenye madaa’anii jiraachuu maddeen ONM’tti himaniiru.
Namoonni kunneen badii qabaatanii osoo hin taane sababa Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii irratti fudhate qofaaf haaloo uummata nagaatti ba’an kan jedhan jiraattotni, guyyuma kana qe’ee uummataa ganda Golboo Arbaa keessatti Dishqaa fi Zu 23 dhukaasuun hawaasni gandichaa qabeenyaa fi mana isaanii dhiisuun qe’ee irraa buqqa’aniiru.
Oduu ajjeechaan wal qabatuun Waxabajjii 28, 2024 godinichuma aanaa Dawwee Harawaa ganda Ajoo keessatti Waraanni maafi’aa PP abbaa maatii kan ta’e nama maqaan isaa Nuuraa Ahimed Zeenuu jedhamu dhukaasa irratti banuun ajjeesuuf yeroo yaalanitti miilla isaa irra rukutuun yeroo ammaa hospitaala Kamiseetti dabarfamee yaalamaa jiraachuu jiraataan ganda sanaa tokko ibseera.
Sababni abbaa maatii kana irratti yaaliin ajjeechaa taasifamee madaa’ee lubbuun hafee kun Waraanni Bilisummaa Oromoo ganama sana buufata Waraanaa Abiy Ahimed Makaabee jedhamu itti seenuun du’aa fi madoon waan adabeef uummata nagaatti ol deebi’anii maatii qabsaa’otaa fi deeggartoota WBO’ti jechuun akka ta’e dabaluun addeesseera.

