Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa aanaa Atinaagoo keessatti maqaa ilaalcha Waraana bilisummaa Oromoo qabda jedhamuun dargaggoo tokko ajjeesuun beekame

ONM-ABO Guraandhala 6, 2024

Ilmaan Oromoo Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun Oromiyaa bakkeewwan hedduutti gocha namni sun hin qabneen sobanii yakkanii ajjeesuun hidhattoota murna bilxiginnaa biratti akka aadaatti ilaalamuun guyyuu dhiiga ol adeemtotaa dhangalaasaa oolu.

Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo of dura qabuun gochaa namni sun hin qabneen ajjeechaa jumlaa hanga hidhaa hawaasa nagaa irratti raawwachaa kan jiran hidhattootni kunneen godina Jimmaa aanaa Atinaagoo ganda Saanxoo keessatti gaafa Guraandhala 3, 2024 dargaggoo maqaan isaa Tamaam Kadir jedhamu WBO deggarta jedhamuun hidhattootni murna bilxiginnaa manaa gadi waamun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattotni himan.

Aanaa Atinaagoo keessa Waraanni Bilisummaa Oromoo laficha keessa kan hin jirre yoo ta’u kaadirootni fi hidhattootni sirnichaa haaloo dhuunfaa qaban irratti bahanis jechuun dabaluun ibsaniiru

Dargaggoon kunis nama siyaasa hin beeknee fi maatii qonnaan bultootaa irraa kan dhalate yoo ta’u hojii qonnaa hojjechuun nama ofiif maatii isaa jiraachisu ta’uus addeessaniiru.

Exit mobile version