Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa aanaa Maannaa keessatti hidhaan maqaa WBO deggertu jedhuun namoota irratti jabaatee jiraachuun himame

ONM-ABO Guraandhala 16, 2024

Godina Jimmaa aanota tokko tokko keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jedhuun tibbanoota kana keessa ajjeechaa dabalatee saamichi qabeenyaa fi hidhaan raawwatamaa jiraachuu jiraattonni himan.

Haaluma kanaan guyyaa dheengaddaa jechuun Guraandhala 14, 2024 godina Jimmaa aanaa Maannaa ganda Hundaa Qananii keessatti maqaa sakatta’iinsa jedhuun milishaa fi poolisiin idilee gandichatti bobbaafaman dargaggoo Abdullaatif Raayyaa jedhamu qe’ee isaatti itti dhaquun reebicha ulfaataa erga irratti geggeessaniin booda waajjira poolisii magaalichaa Yabbuutti hidhanii gidirsaa jiraachuu jiraattonni ibsaniiru.

Akkasuma torbanoota darban keessa godinichuma aanaa Atinaagoo keessatti maqaa ilaalcha Waraana bilisummaa Oromoo qabda jedhuun ganda Saanxoo keessatti gaafa Guraandhala 3, 2024 dargaggoo maqaan isaa Tamaam Kadir jedhamu WBO deggarta jechuun hidhattootni murna bilxiginnaa manaa gadi waamuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu isaanii gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version