ONM-ABO Guraandhala 26, 2024
Kaabinoonni fi waraanni murna bilxiginnaa sodaa waraana Bilisummaa Oromoo irraan kan ka’e torbanoota darban irraa kaasuun uummata nagaan hojii idilee isaa geggefatu keessatti summii siyaasa dabaa facaasuun godina Jimmaa aanaa Qarsaa ganda Gunjuu keessatti namoota hedduu qe’ee isaanii irraa buqqisuun gariin mana hidhaatti jumlaan naqanii dararaa jiraachuu jiraattonni himan.
Maqaa WBO deggertu jedhuun namoota hedduu ganda Gunjuu kana keessaa qabanii hidhanii dararaa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa kanneen maqaa isaanii arganne Saadam Abbaa Maccaa, Maammadzeeyin Awwal, Abdullaay Zaakir, Kaliif Tijjaanii, Bashash Tijjaanii, Abdurjabbar Taajuu, Maammad Amiin Shee Huseen, Osaamaa Abbaa Fiixaa, Yaayyaa Tijjaanii fi Maammad Abbaa Maccaa kanneen jedhaman guyyaa dheengaddaa Guraandhala 24, 2024 maqaa dharaan hidhamanii akka dararamaa jiran jiraattotni ONM’tti himaniiru.
Akka jiraattotni gandichaa ONM’tti himanitti namoonni hedduunis qe’ee isaanii irraa akka ari’aman ibsuun, gochoonni uummata nagaa irratti raawwatame kunis shiraa fi ija shakkiin uummata gandoota biroo jiilchuuf akka ta’es ibsan.
Torbanoota darban irraa kaasuun godinichuma aanaa Maannaa dabalatee bakkeewwan hedduutti ajjeechaa fi hidhaan daangaa hin qabne raawwatamaa turuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

