Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa aanaa Qarsaa keessatti hidhaan namoota nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufee

ONM-ABO Bitootessa 4, 2024

Hawaasa nagaa hojii idilee isaa nagaan geggeeffatu gocha isaan hin qabnee fi keessa hin beekneen dabballoonni utubaa impaayerattii ta’an waraana sirnichaa of dura hiriirsuun hidhaa raawwachuun uummaticha gaaga’aa jiru.

Baatilee lamaan asitti ajjeechaa fi hidhaan hedduuminaan keessatti geggeeffamaa kan jiru godina Jimmaa aanaa Qarsaa keessatti maqaa WBO deggartu jedhuun uummanni mana hidhaatti guuramanii gidirfamaa jiraachuu ibsan.

Haaluma kanaanis Bitootessa 1, 2024 aanuma Qarsaa ganda Gunjuu keessaa namoota hojii idilee Isaanii irratti bobba’uun jiraatan kanneen maqaan isaanii Faayid Tashaad, Amadaladii Amiid, Firdoosaa Biyyaa, Ayiishaa Abbaa Maccaa, Nizaamee fi Zaliikaa jedhaman dabalatee namoonni hedduun mana hidhaa magaalaa Sarbootti gidirfamaa jiraachuu ibsan.

Namoonni hedduun qe’ee isaanii irraa ari’amaa akka jiranis jiraattotni dabaluun dubbachuun, sirnichi ilaalcha ilmaan Oromoo kallattii hundaan gidirsuu qabatee akka jirus ibsan.

Exit mobile version