Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa aanaa Didoo fi Qarsaa keessatti jiraattotni maqaa WBO waliin hariiroo qabduun manneen irratti gubachuu fi hidhaatti guuramaa jiraachuun himame

ONM-ABO Bitooteessa 29, 2024

Gareen shiftaa Abiy Ahimed waraana naasuu hawaasa Oromoof hin qabne, maqaa sakatta’insa waraana bilisummaa Oromoo jedhuun bobbaasee seenaa hamaa hawaasa irratti dalagaa qe’ee namootaa gubee barbadeessaa fi jumlaan hidhaa jira.

Bifuma kanaanis godina Jimmaa aanaa Didoo fi Qarsaa jedhamu keessatti hawaasa nagaa tuttuqaa siyaasaa hin qabne waraana bilisummaa Oromoo tumsitu jechuun guyyaa guyyaatti hidhaan dararaa kan jiran yoo ta’u, Bitootessa 25, 2024 aanaa Qarsaa keessaa namoota 50 qabuun hidhuun barameera.

Namoota waraana faashistii PP’n hidhamanii jiran keessaa ja’a dubartoota yoo ta’an, namoonni 46 ammoo dhiira ta’uun ifoome.

Maqaa namoota hidhamanii keessaa kan nu ga’e Mohaammed Amiin, Kamaal Abbaa Fiixaa fi Maatii kan jedhamuudha.

Jiraataa ganda Gunjuu kan ta’e obbo Maatiin irra deddeebiin qe’ee fi qabeenyaan isaa saamamaa kan turee fi mana isaa torbanoota darban keessa qabeenyaa keessa jiru waliin murni maafi’aa PP akka gubanis dubbatu.

Qabeenyaa jalaa saamamanitti dabaluun bakka qonnaa irraa muuzii hektaara sadii ciranii balleessuun, gaagura dammaa hedduu buufachuu fi horii adda addaa jalaa ooffachuun obbo maatii ammoo ukkaamsanii dhoksanii jiraachuus himaniiru.

Aanaa Didoo keessattis namoonni hidhamanii jiran hedduu ta’uu kan himan maddeen, barsiisaa Ahimed kan jedhamu irratti ammoo dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu dabaluun himaniiru.

Exit mobile version