ONM-ABO Onkoloolessa 30, 2024
Uummanni Oromoo sababa ‘Oromummaa’ isaa qofaaf yakkamuun mirgi lubbuun jiraachuu isaa irraa mulqamee biyya abbaa isaa irra jiraachuu dadhabuun, bara dhufaa darbaa murnoota abbaa irree impaayera Itiyoophiyaa bulchaniin akka bineensa bosonaatti adamfamuun yakkoonni farra namoomaa garaa garaa irratti raawwatamaa jiraachuun ni beekama.
Aanaa Horroo Bulluq ganda Haroo Aagaa irraa Onkoloolessa 26, 2024 namootni maqaan isaanii:
- Taaddalee Dabbab,
- Shaashee Namee fi
- Badhoo Warquu jedhaman badii tokko malee hidhamanii jiraachuu maddeen ONM’f eeraniiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen badii tokko kan hin qabne ta’uu himuun maqaa “Waraana Bilisummaa Oromootiif dhiyeessii dhiyeessitu” jedhuun hidhaman jedhu.
Oduu ajjeechaan wal-qabatuun ammoo Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Luugama jedhamu irraa Onkoloolessa 28, 2024 waraanni sirnichaa dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii; Fiqaaduu Baqqalaa fi Jambaree jedhaman badii tokko malee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen jedhanitti, dargaggoonni kunneen siyaasa kam irraayyuu bilisa kan ta’anii fi hojii dhuunfaa isaanii hojjechuun kan of jireessan ta’uu dubbatu.
Maddeen itti dabaluun, yeroo ammaa kanas mooraa waraana Bilxiginnaa aanichatti argamu keessatti namoota 250 ol bakka tokkotti hidhanii dararaa kan jiranii fi gaafa barbaadan ammoo mooraa keessaa baasuun ajjeesanii gataa jiraachuus itti dabaluun eeraniiru.

