ONM-ABO Guraandhala 23, 2024
Miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ta’ee qabsoo hidhannoo yeroo dheeraaf geggeessaa kan ture obbo Miiftaa Abbaa Olii, jaallan isaa waliin hojii loltummaatti bobba’ee osoo hojjetuu, bara jijjiiramaa jechuun qabsoo qeerroon bilisummaa Oromoo taasiseen sirni wayyaannee erga kufee jaallan isaa waliin biyya Ertiraa akka galee dubbatu.
Obbo Miiftaan akkuma gara biyyaa galeenis gara hojiitti bobba’uun, godina Jimmaa aanaa Maannaa keessatti geggeessaa milishootaa ta’ee sirna bilxiginnaaf hojjechaa akka tures dabaluun himu.
Akka maddeen jedhanittis sirni bilxiginnaa obbo Miiftaa osooma hojjechiifachaa jiruu jaarmiyaa ABO-WBO waliin hariiroo qabda jedhee waggaa tokko dura godina Jimmaa aanaa Maannaa magaalaa Yabbuutti hidhee hiraarsaa turuu dubbatan.
Shakkii irraa qabanii fi durarra miseensa WBO waan ta’eef jecha waggaa tokkoof halkaniif guyyaa reebicha irratti geggeessaa, dararaa erga turaniin boodas, Guraandhala 20, 2024 mana hidhaa magaalaa Yabbuu irraa baasuun ganda Ittisa Guddaa jedhamutti galgala irraa rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

