Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee garagaraa keessatti gantoonnii fi humnoonni PP waliin ta’uun hawaasa nagaa ajjeesaa fi saamaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Muddee 24, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii ganda Guddattuu keessatti gantoonni mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessaa ganan itti gaafatamaa bulchiinsaa fi nageenyaa magaalaa Shaambuu kan ta’e nama maqaan isaa Garramuu Itichaa Fayyisaa jedhamu waliin ta’uun yakka ajjeechaa nama maqaan isaa Taayyee Mardaasaa Mandiidaa jedhamu irratti torban lama dura raawwachuu odeessi gamasii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni ifoomsa.

Oduu biraatiin ammoo ganduma kana keessatti gareen mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessaa ganuun galan kunneen humnoota Bilxiginnaa waliin ta’uun saamicha ulfaataa qarshii kuma dhibbaa (100,000) hanga kuma dhibba sadiitti( 300,000tti) hawaasa nagaa harkaa fuudhaa akka jiranis jiraattonni dubbatu.

Namoota saamicha irratti raawwatame keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe:

  1. Obbo Taarikuu Abdiisaa,
  2. Obbo Tasfaayee Abarraa,
  3. Obbo Shibbiruu Dinqisaa fi
  4. Obbo Addisuu Tagastaa 

kanneen jedhaman dabalatee namoota hedduu harkaa fuudhaa akka jiran ibsameera.

Guutuu Oromiyaa keessatti gantoonni mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoo keessaa irbuu sabaa ganuun gara mooraa gabroomfataatti galan humnoota Bilxiginnaa waliin ta’uun sadoo dhuunfaa isaanii guuttachuuf jecha yakka dabalataa uummata Oromoo irratti dalagaa akka jiran irra deddeebiin gabaasa turreerra.

Exit mobile version