ONM-ABO Guraandhala 28, 2024
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo irraa miseensotni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa 3 Bireena tokko dabalatee qawwee Turkii waliin mooraa sirna bilxiginnaa keessaa miliquun WBO’tti makamaniiru.
Mooraan sirna bilxiginnaa hundeen isaa bututuun jiguuf qarree irra jiru ilmaan Oromoo quuqama sabaa fi sabboonummaa qaban shiraa fi dabni Oromoo irratti ta’aa jiru seenaa fokkisaa ta’uu isaa hubachuun sirnicha ganuu itti fufaniiru
Bifuma kanaanis Guraandhala 25, 2024 miseensotni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa 3 kan sabaan Oromoo ta’an godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo ganda Rifeentii mooraa Lattuu jedhamu keessaa halkan irraa miliquun gooticha waraana bilisummaa Oromoo godinicha keessa socho’uutti makamuun himame.
Loltoonni mooraa sirna bilxiginnaaf tajaajilaa turan kunneenis meeshaa guddaa bireenii 1, rasaasa bireenii 300, qawwee turkii 1, rasaasa AKM 200, gumbii 4 fi boombii harkaa 2 baasuun dantaa qabsoo Bilisummaa Oromoof oolchaniiru.
Dabalaataanis dhaamsa Oromummaa miseensota waraana bilxiginnaa mooraa cubbuu sirna PP keessatti hafaniifis dhaamuun daandii qajeelaa fi haqaan kan tumsame jaarmiyaa ABO-WBO waliin hiriirtanii Oromoof Oromummaa ol kaasuuf haa hojjennu kottaa WBOtti dabalamaa jechuunis goolabaniiru.

