Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensonni Raayyaa ittisa impaayerattii 6 godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Finca’aa irraa gooticha waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatan

ONM- ABO Caamsaa 29, 2023

Impaayerri Itoophiyaa hundeeffama isaa irraa kaasee  gocha sanyii duguuggaa uummata Oromoo irratti raawwachuu fi mootota impaayerattii bulchaa turan Minilikiin dabalatee uummata Oromoo moggeessuu fi dantaa teessuma aangoo isaaniif ilmaan Oromoo dirqiin ukkaamsuun gara dirree waraanatti erguun qoraan ibiddaaf qophaa’e tasiisanii lafee isaanii bobeessaa turan, har’as gochi kun osoo hin dhaabbatin, ilmaan Oromoo dantaan gowwomsuu fi humnaan qabuun sirnicha akka tajaajilaniif dirree waraanaatti geessan hedduun isaanii guyyaa gara guyyaatti sirnicha ganuun gooticha waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu itti fufanii jiru.

Jimaata darbe caamsaa 27, 2023  Miseensonni waraana raayyaa ittisa Impaayerattii 6 godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Finca’aa mooraa waraanaa magaalaa Baatuu keessaa miliquun sirnicha gananii hidhannoo fi meeshaa isaanii waliin gooticha waraana Bilisummaa Oromootti dabalamaniiru.

Miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa kun  qawwee Turkii sadii, qawwee dachaatuu sadii, gumbii 24, rasaasa 900 fi boombii harkaa 3 galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof taasisaniiru.

Dhiibbaa sirnichi ilmaan Oromoo irratti Oromummaa fi Sabboonummaa isaanii jibbuun raawwatus balaaleffachuun, ilmaan Oromoo meeshaa diinaa baachuun  hojii loltummaatiin sirnicha tajaajilanis gara mooraa  qabsoo waraanni bilisummaa Oromoo geggeessaa jiruutti akka makamaniif karaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa dhaamsa dabarsaniiruuf.

Exit mobile version