ONM-ABO Amajjii 8, 2024
Seenaa ijaaramuu Impaayera Itoophiyaa kaasne yoo ilaallu, Itoophiyaan Impaayera dhiiga ilmaan hiyyeessotaan ijaarame, fedhii fi sabboonummaa biyyichaaf namoota qabaniin osoo hin taane,murna sabummaa leellisaniin dirqiin ol-adeemtota qe’ee fi maatii isaanii irraa guuruun akka ijaarame seenaan kan dubbatu yoo ta’u,yeroo ammaa ilmanni Oromoo daba impaayerri Itoophiyaa saba Oromoo irraan ga’ee hubachuun moora cubbuu Keessa baduun WBOtti dabalamuu jabeessanii jiru
Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandii fi bulchiinsa magaalaa Beengu’aa irraa Amajjii 5, 2024 loltootni raayyaa ittisa Impaayera Itoophiyaa baay’inaan 4 ta’aan mooraa sirna nama nyaataa bilxiginnaa keessaa miliquun nagaan gooticha waraana bilisummaa Oromoo bira akka ga’aan maddeen WBO ona Mana Sibuu irraa ONM dubbise himaniiru
Akka loltootni mooricha keessaa miliquun WBOtti dabalaman dubbatanitti,rakkoon qondaaltotni bilxiginnaa qaban,maqaa ilma Oromootu aangoo irra jira jedhuun saba Oromoo burjaajessuu malee akeekni sirni bilxiginnaa qabu sirna moofaa bara Minilikii deebisuu qofaa irratti xiyyeeffatu jechuunis dubbatu
Gama meeshaatiinis qawwee AKM turkii 4, boombii 4, rasaasaa AKM 600 fi hidhannoo guutuun ba’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchaniiru.

