Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree irraa miseensonni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa lama Isnaaperii tokkoo fi qawwee AKM turkii tokko qabachuun gooticha waraana bilisummaa Oromootti makaman

ONM-ABO Bitootessa 20, 2024

Jaarmiyaan ABO-WBO siyaasa kiyyoo kolonii habashootaa jalaa bilisa bahuuf qabsoo bilisummaa ummatni Oromoo gaggeessu hoogganuuf Kallattii adda addaatiin carraaqqii taasisaa kan jiru yoo ta’u, gufuu qabsoo ta’uun humnootni qabsicha dura dhaabbatan ammoo hedduun sirna nama nyaataa bilxiginnaa kaayyoo isaa hubachuun WBO’tti dabalamuu jabeessanii jiru

Akkuma kanaanis godina baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree bulchiinsa magaalaa Bujjuurraa irraa miseensotni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa lama Bitootessa 18, 2024 meeshaa guutuun mooraa sirna bilxiginnaa keessaa miliquun gooticha waraana Bilisumma Oromoo onicha keessa socho’uutti dabalamuu maddeen WBO gamasii ONM’tti himaniiru.

Gama meeshaatiinis qawwee AKM Turkii 1, Isnaayipeera 1, rasaasa 465, boombii harkaa 2 fi gumbii 5 mooricha keessaa baasuun dantaa qabsoo Bilisumma Oromoof oolchaniiru.

Gama WBO’tiinis simannaa hoo’aan taasifameefii akka ture kan himan maddeen WBO, loltootni mooraa bilxiginnaa keessa turanis dhiibbaa sirni bilxiginnaa hawaasa Oromoo irratti gochaa jiru seenaa fokkisaa ta’uu hubachuun hiriyyootni keenya mooraa diinaa keessatti haftan yeroon gara WBO’tti dabalamaa jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Exit mobile version