Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa aanaa Gommaa keessatti maqaa WBO deggarta jedhuun mana nama tokkoo caccabsuun isas yoo hidhan, aanaa Maanna keessatti ammoo namoota walga’ii baasun akka waardiyyaa eegan dirqisiisaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Guraandhala 14, 2024

Namoota nagaa gochaa isaanii malee maqaa WBO jedhu itti maxxansuun Oromiyaa bakkeewwan hedduutti hidhaatii kaasee hanga qabeenyi isaa balleeffamutti hawaasa nagaa gochoonni suukanbeessoon hidhattoota fi kaabinoota sirnichaan irratti raawwatamaa jira.

Guraandhala 4, 2024 godina Jimmaa aanaa Gommaa ganda Qilxuu Holqaa jedhamu keessatti nama maqaan isaa Habtee Abbabee jedhamu deeggaraa WBO’ti jechuun mana isaa erga sakatta’aa turaniin booda hoomaa mana isaa keessaa dhabnaan mi’oota mana keessaa fi hunda jalaa caccabsuun isas reebicha ulfaataa irratti raawwachuun gara mana hidhaa waajjira poolisii aanichatti geessanii hidhanii dararaa jirus jedhu.

Namni kun qonnaan bulaa yoo ta’u nama hojii qonnaa dalagachuun ofii fi maatii isaa jiraachisu malee nama siyaasa hin beeknee fi Waraana Bilisummaa Oromoo waliinis nama qunnamtii hin qabne jechuun jiraattotni gandichaa ONMtti himaniiru.

Godinichuma aanaa Maannaa ganda Qoree Lalisaa fi Sa’ee Boontuu keessatti uummata walitti qabuun ulee qabatanii halkan halkan naannoo keessan eeguu qabdu jechuun dirqamaan uummata nagaan hojii isaa hojjetatu nageenya isaa booressaa jirus jechuun ibsaniiru.

Exit mobile version