Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Heeban Arsii keessatti uummata nagaa hidhuu fi saamuun jabaatee itti fufe 

ONM-ABO Adoolessa 4, 2024

Sirni afaan qawween ijaaramee afaan qawween uummata bulchaa ture har’as uummata roorroo jala jiru hubatee  akkuma bartee isaa qawween sirna isaanii jalatti ittisuuf yaaluun yeroo hawaasichi fudhachuu diduutti maqaalee garaa garaa itti moggaasuun hidhuu, ajjeessuu, qabeenya isaa saamuu fi ibiddaan barbadeessuu hammeessanii jiru.

Waxabajjii 30, 2024 sirni nama nyaataan bilxiginnaa godina Arsii Bahaa aanaa Heeban Arsii ganda Heeban Dhuubboo keessatti maqaa WBO  deeggartan jedhuun namoota 4 qabanii mana hidhaatti darbachuuf nama tokko immoo mana dhabuudhaan mana isaa  guutuu sakkatta’uun meeshaalee hedduu jalaa caccabsanii jiru jedhu jiraattonni gandichaa.

Namoota mana hidhaa keessatti dararaan irra gahaa jiru keessaa muraasni 

 1. Raajii Midhaassoo

2. Turaa Midhaassoo

3. Gammadii Raajii fi 

4. Daddaffoo Midhaassoo obboleewwan maatii tokko mana hidhaatti reebicha hamaa irraan gahuun hidhanii dararaa jiraachuu jiraattotni dabaluun ibsaniiru.

Kana malees nama maqaan isaa Waaree Midhaassoo jedhamu  mana isaa seenuun meeshaalee maatiin ittiin jiraatu guutuu irraa caccabsuun maatiin waan ittiin jiraatu dhabee rakkachaa jira jedhu jiraattonni.

Sababa WBO’n bobbaa irbuu shinniggaan loltoota Itoophiyaa harcaasaa jiruuf haaloo sana itti bahuuf jecha uummata nagaa guutuu Oromiyaa keessatti sobaan yakkuun hiraarsaa jiraachuun kan beekamuudha.

Exit mobile version