ONM-ABO Sadaasa 2, 2024
Bulchiinsi abbaa irree Bilxiginnaa kan humnaan uummata ukkaamsee bulchaa jiru maqaa hariiroo WBO wajjiin qabdu jedhuun hidhuu, ajjeesuu, qabeenya isaa saamuu akkasumas abiddaan barbadeessuu, humnaan gudeeduu fi mana barumsaa cufee barattoota barnoota irraa kutee uummata jireenya wallaalchisuun rakkisaa jira.
Onkoloolessa 30, 2024 aanaa Martii ganda Hombaa jedhamu keessatti uummata nagaatti waraana bobbaasanii qawwee irratti dhukaasisuun namoota kaan rukutuu fi gariin immoo reebaa erga turaniin booda namoota 52 mana hidhaatti guuranii hiraarsaa jiraachuun beekamee jira.
Namoota kanneen keessaa kan maqaan nu gahe:
- Caalaa Xila’uun,
- Lammaa Booraa,
- Guutoo Lammaa,
- Lataa Baatiruu,
- Qanuu Shimaallis,
- Balchoo Taaddasaa,
- Iboo Afandii,
- Gannaa Madii,
- Waganee Gannaa,
- Ziyaad Abdallaa,
- Sabboontuu Jabboo fi
- Kadir Maammaa kanneen jedhamaniidha.
Haaluma wal fakkaatuun aanaa Muunessaa ganda Qoomaa Oochaa, Adaree Golbaa, Heeban Dhubboo fi magaalaa aanichaa Qarsaa keessatti hawaasa reebuun qabeenya saamuu fi galgala sa’atii tokko yoo ta’e manaa bahuu nu dhowwanii nu hiraarsaa jiru jechuun jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsan.

