Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee  aanaa Qarsaatti waraanni maafiyaa PP  qarshii uummata irraa saame

ONM-ABO Caamsaa 21, 2024

Sabbata haadha hiyyeessaa hiikee saamuun jireenya geggeeffachuu kan bare waraanni bilxiginnaa kun, uummata Baha Harargee  aanaa Qarsaatti argaman hundarratti saamicha geggeessuun ibsame. 

Akka jiraattonni aanichaa jedhanitti, saamichi yeroo adda addaatti karaa qaamolee murna bilxiginnaa irratti raawwachaa turuu fi yeroo ammaa immoo “Waajjira Paartii badhaadhinaa haaressina” jechuun  gantummaa aanichaa araddaa tokkotti qarshii 100,000 funaanaa kan jiraniidha. Uummata ofiifuu of danda’ee jiraachuu dadhabe yaaddoo guddaa itti ta’uun akka itti jiraatan dhabuu jiraattonni aanichaa himaniiru.

Dabalataanis, aanaadhuma kana keessatti kaabinootni PP maatii dargaggoota manaa  qaban irra deemuun “akka ilma kee  fuunee leenjii waraanaa hin ergineef qarshii kenni” jechuun qarshii 1000 irraa guurrachaa kan jiranii fi nama kaffaluu dide mana isaatii deemanii qabuun hanga qarshii 10,000 kaffachiisanii hidhaa baasaa jiraachuun barameera. 

Ganda Odaa Nagayaa jedhamu keessaa namoota 25 humnaan qabanii gara leenjii waraanaatti kan ergan yommuu ta’u, namoonni humnaan qabaman kunis: Ramadaan Qaasim, Leencoo Juneeydii, Naasir Jamaalii fi k.k.f  qabamaniiru. Isaan kunis: barattoota, qotee bultoota, dargaggootaa fi namoota hojii garaa garaa hojjetan ta’uu maddeen keenya ONM’f eeraniiru.

Oduuma wal fakkaatuun, Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti ammoo waraanni PP dargaggoota humnaan qabee gara leenjii waraanaatti erguu itti fufee jira. Afaan Bireenii hawaasa nagaatti qabuun kan beekamu itti gaafatamaan nageenya aanicha Ahimad Xahaa kan jedhamuu fi jalee waraana maafiyaa PP kan ta’e Kabbadee kan jedhamu jiraattota aanaa Cawwaaqaa hiraarsaa fi maatii boochisee dargaggoota isaanii gara leenjiitti fe’aa jiraachuu jiraattonni aanichaa ONM’f ibsaniiru.

Exit mobile version