Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Hararagee Aanaa Komboolchaatti kaadiroonni PP maqaa garaa garaa da’oo godhachuun uummata aanichaa saamaa jiraachuu fi dirqiin leenjisaa jiraachuu jiraattotni himan

ONM-ABO Fulbaana 27, 2025 

Godina Baha Harargee aanaa Kombolchaa gandoota aanicha cufa keessatti kadiroonni fi waraanni PP waliin ta’uun maqaa garaa garaa da’oo godhachuun uummata aanichaa dirqisiisanii qarshii irraa funaanaa jiraachuu jiraattotni himan.

Akka jiraattotni himanitti, buusaa gonofaaf jechuun qarshii kuma tokko tokko akkasumas ganda tokkoof qawwee 22 isiniif binna jechuun tokkoon tokkoon jiraattotaa irraa qarshii kuma lama lama saamsisaa kan jiru bulchaa aanaa Kombolchaa nama maqaan isaa Nuuree Mahaammad jedhamu akka ta’e jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti murni Bilxiginnaa kaffaltii waliin isaa hin beekamneen uummata saamuun waraanaa fi kaadiroota isaaf baajeta dhangalaasee ittin yakkawwan garaa garaa raawwachisaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version