ONM-ABO Guraandhala 4, 2026
Godina Baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Komboolchaa ganda Jeelaa Aaluutoo jedhamu keessaa loltootni impaayera Itoophiyaa mataa nama tokko tokkoon midhaan 45kg fi nyaata guyyaa guyyaan waan ofii keessanii qopheeffattan irraa walakkaa nuuf laachuu qabdu jechuun hawaasa hiraarsaa jiraachuun dhaga’ame.
Yeroo itti qaala’iinsa jireenyaa impaayera Itoophiyaa mudatee hawaasatti jireenyi ulfaachuun uummatni ofii isaatii iyyuu nyaatee bulaa hin jirretti nyaataa fi dhugaatii kenya nu danda’uu qabdu jechuun hawaasa irratti ba’aa ta’aa jiraachuu jiraattonni ibsaniiru.
Oduuma wal fakkaatuun, godina Arsii Lixaa aanaa Arsii Nageellee gandoota garaa-garaa keessatti maqaalee akka; gibira, inshuraansii fayyaa, nyaata waraanaa, uffata waraanaa fi paartiif jedhuun maallaqa humna qonnaan bultootaa ol ta’e naga’ee tokko malee gaafachuun hawaasa dararaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Haaluma kanaan aanichuma gandoota akka:
- Dakka Daaluu,
- Haragamaa,
- Gaalee Qeelloo,
- Haadha Bosoo,
- Hubataa Arjoo,
- Shaalaa Bilaa,
- Mudhii Arjoo fi
- Algee Dilbatoo
jedhamu keessaa midhaan 43kg fi uffata milishaatiif kuma dhibba afurii fi shantama kennaa jechuun hawaasa dararaa jiraachuu jiraattonni dabalataan ifoomsaniiru.
Namoota waan kaffalan dhaban waan isaan qaban mana isaanii cabsanii saamuu fi aanichi yeroo ammaa kanatti waraanaan bulaa waan jiruuf isin ajjeesna, lafa maatiin isin hin argine mana hidhaa federaalatti isin ergina jechuun doorsisaa jiraachuu jiraattotni bal’inaan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.

