ONM-ABO Waxabajjii 22, 2023
Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii Abiy Ahimed irratti fudhatee Oromiyaa keessaa baasuu karoorfate jabeessuun godina Baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa keessatti diina harcaasee jira.
Kaleessa Waxabajjii 21, 2023 jajjabeen WBO zoonii kibba bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa halkaan edaa sa’a 2:30 irratti aanaa Adamii Tuulluu Jiddoo Konbolchaa magaalaa Oo’iituu seenuun mooraa loltoota PP irratti haleelaa taasisee 7 ajjeesee 10 madoo taasisuun meeshaalee hedduu booji’ee dantaa qabsoof oolchee jira.
Ittuma fufuun guyyaa har’a jechuun Waxabajjii 22 godina Arsii Bahaa Aanaa Muuneessaa gandaa Heebaan Dhuubbo keessatti Cibraan kun waraana PP maqaa sakattaan bobbaate haxxee itti hidhuun ganama sa’a 1:20 irraa hanga sa’a 9:50tti humna dabalata aanaalee irraa dhufan dabalatee lola guyyaa guutuu waliin geggeesseen loltoota PP 45 ajjeesee 100 madoo taasisuun injifannoon goolabee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!

