ONM- ABO Caamsaa 31,2024
Irree fi waanteen sabaa WBO’n Zoonii Kibba Baha Oromiyaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa godina Baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu fi Jiddoo Kombolchaatti duula waraanaa Bobbaa Irbuu Shinniggaa milkeessuuf tarkaanfii fudhateen diina afuura kutuun baqachiisee jira.
Dheengadda Galagala Caamsaa 29, 2024 aanaa Adaamii Tulluu fi Jiddoo Kombolchaa ganda Aannanoo-Shiishoo daandii guddicha Finfinnee fi Shaashamannee wal qunnamsiisu irratti haxxee hidhuun galgala sa’a 5:10 hangaa sa’a 6:40’tti waraana faashistii PP rasaasaan iddee baarudaan macheessuun humna lafoo fi oraalii du’aa fi madoon galaafachuun gargar facaasee jira.
Korommiiwwan Kibba Bahaa Bobbaa Irbuu Shinniggaa milkeessuuf humnoota faashistii kana halkan iddoo isheen hin eegnetti bakakkaa itti buusuun loltoota sirna bututaa Minilik utubuuf dhamaatu 19 ajjeessuun 11 madeessee oraalii isheen ittiin deemtuu fi konkoolaataa isaanii biroo hojiin ala gochuun madoo fi reeffa isheen akka magaalaatti galtu taasisee jira.
Akka odeessi keessoo isaanii jedhutti halkan humni akka birmatuuf yeroo bilbilatanitti birmannaaf sodaachuun namoonni madaa’anii fayyuu malan yaala argachuu dhabuun lubbuun darbee jiraachuun barameera.
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa Bobbaa Irbuu Shinniggaan waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessuun godina Lixa Shaggar aanaa Gindabarat ganda Dargee keessattis guyyuma kaleessaa waraana Abiy Ahimed du’aa fi madoon adabee injifannoo cululuqaa galmeessee jira.
WBO’n zoonii Kaabaa godina Walloo aanaa Baatee keessattis ergamtoota Abiy Ahimed guyyaa kaleessaa Caamsaa 30, 2024 rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun du’aa fi madoon adabee injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Tarkaanfii Bobbaa Irbuu Shinniggaa fudhatamaa jiru jala buunee isiniin geenya❗

