Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Irree fi gaachanni sabaa WBO’n Zoonii Kibba Baha Oromiyaa keessatti diina du’aa fi madoon adabuu beeksise

ONM-ABO Hagayya 15, 2024

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBO’n Itti Fufiinsa Bobbaa Irbuu Shinniggaa milkeessuuf bobba’een godina Arsii Bahaa aanota garaagaraa keessatti mooraa ishee cabsuun dhukkee irraa kaasee jira.

Haaluma kanaan halkan edaa jechuun Hagayya 14, 2024 koromiiwwan Kibba Bahaa Risaan Gaara Cilaaloo Cibraan Hambaa Aanoolee aanaa Jajuu magaalaa aanichaa Arboyee fi aanaa Martii ganda Gola Gootaa keessatti sa’atii wal fakkaataatti bakakkaa itti buusuun mooraa ishee daaraa godhee jira.

Tarkaanfii guggubduu irratti fudhateen 19 ajjeesuun 24 madoon adabee, AKM 7, meeshaa boodatti hafaa 4 irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.

Haaluma walfakkaatuun Hagayyuma 14, 2024 jajjabeen WBO Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa aanaa Heexoosaa ganda Wal Argii keessatti diina yeroo dheeraaf uummata hiraarsaa turte itti marsuun loltoota bilxigginnaa 11 ajjeesuun, 9 Madeessee AKM 9, meeshaa boodatti hafoo 15 milishaa 5 waliin dhuunfachuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.

Bobbaan Irbuu Shinniggaa Itti Fufa❗

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Exit mobile version