ONM-ABO Hagayya 18, 2024
Irree fi gaachanni sabaa WBO’n Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa Itti Fufiinsa Bobbaa Irbuu Shinniggaan Zoonii Kibba Baha Oromiyaa keessatti tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee jira.
Haaluma kanaan guyyaa dheengaddaa Hagayya 16,2024 galgala toora sa’a 1:00 irraa kaasee hanga sa’a 2:23’tti godina Arsii Lixaa aanaa Gadab-Hasaasaa ganda Ficoo Kaakaa bakka Ficoo jedhamtu keessatti mooraa isheetti itti seenuun loltoota sirna nam-tokkee tiksuuf uummatatti ba’aa ta’aa jirtu rasaasaan akaa’uun baaruudaan macheessee loltoota 17 irraa ajjeesee 10 madeessuun AKM 4 hidhannoo guutuu wajjin irraa yoo hiiku, qophiilee waraanaa hedduus dhuunfachuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.
Gootichi abdii sabaa WBO’n bakka cufattuu ergamtoota Bilxiginnaa haleelee mooraa ishee keessatti du’aa fi madoo tolchuun injifannoo boonsaa galmeessaa jira.

