ONM-ABO Bitootessa 24, 2024
Jajjabeen WBO zoonii kibba-bahaa Furgaatuun Cibraa Jaal Nadhii Gammadaa har’a Bitootessa 24 godina Arsii lixaa aanaa Gadab-Hasaasaa ganda Hulluuqqoo keessatti tarkaanfii diina irratti fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Korommiiwwan Kibba Bahaa waraana faashistii PP maqaa sakatta’a WBOtiin babbaatetti haxxee hidhuun olii fi gadi gugsuun taan ajjeessee taan madeessuun, loltoota Abiy Ahimed harkaan qabuun kan hafte of duuba ari’eera.
Lola har’a guyyaa keessaa sa’a 5:40 jalqabee hanga sa’a 7:50 adeemsifame kanaanis loltoota PP 26 ajjeesee 28 madoo gochuun 2 harkaan qabe meeshaas irraa booji’eera.
Gama meeshaatiinis qawwee AKM 4 hidhannoo guutuu waliin dugda diinaa irraa hiikuudhaan mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!

