Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBO’n Godina Arsii Lixaa aanaa Gadab-Hasaasaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe 

ONM-ABO Fulbaana 21, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti bakka cufatti fudhatu jabeessee jira.

Jajjabeen WBO Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa, leencotni gaara Cilaaloo maqaa sakkaatta WBO jedhuun waraana faashistii PP godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Hasaasaatti bobbaatee uummata hiraarsaa turte tarkaanfii boonsaa irratti fudhachuu beeksisee jira. 

Haaluma kanaan Fulbaana 19, 2024 gootichi sabaa WBO’n aanaa Gadab-Hasaasaa ganda Hulluqqoo iddoo addaa Asaabal jedhamtutti ergamtuuwwan Bilxiginnaa osoo isheen maqaa sakkattaa WBO jedhuun olii fi gadi joortuu rasaasaan goolee loltoota hedduu du’aa fi madoon irraa adabuun gara magaalaa isheen irraa dhufteetti deebisee jira. 

WBO’n Zoonii Kibbaa gama isaan tarkaanfii fudhatu jabeessuun godina Booranaa aanaa Areeroo ganda Kaffaraa iddoo addaa Gadamsoo jedhamtutti urjiiwwan WBO Cibraan Mataa Gafarsaa fi Cibraan Madda Albuudaa waliin ta’uun mooraa waraana  impaayera Abiy Ahimed irratti fudhateen 15 ajjeesuun 20 ol madoo dandammii hin qabneen geggeessee jira.

Humnoota Bilxiginnaa ganda keessa fiigdu 3 jiraa harkaan qabee qawwee AKM 3 irraa hiikuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Murni faashistii PP loltoota isaan qabsoo bilisummaa Oromoo balleessuuf lolaa fi hololaan bobba’us miidhaa gurguddaan isuma irra ga’aa jiraachuun barameera.

Exit mobile version