• Fri. Mar 13th, 2026

WBO’n Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaa Keessatti Diina Du’aa fi Madoon Adabe

Aug 21, 2024

ONM-ABO Hagayya 18, 2024

Irree fi gaachanni sabaa WBO’n Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa Itti Fufiinsa Bobbaa Irbuu Shinniggaan Zoonii Kibba Baha Oromiyaa keessatti tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee jira.

Haaluma kanaan guyyaa dheengaddaa Hagayya 16,2024 galgala toora sa’a 1:00 irraa kaasee hanga sa’a 2:23’tti godina Arsii Lixaa aanaa Gadab-Hasaasaa ganda Ficoo Kaakaa bakka Ficoo jedhamtu keessatti mooraa isheetti itti seenuun loltoota sirna nam-tokkee tiksuuf uummatatti ba’aa ta’aa jirtu rasaasaan akaa’uun baaruudaan macheessee loltoota 17 irraa ajjeesee 10 madeessuun AKM 4 hidhannoo guutuu wajjin irraa yoo  hiiku, qophiilee waraanaa hedduus dhuunfachuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.

Gootichi abdii sabaa WBO’n bakka cufattuu ergamtoota Bilxiginnaa haleelee mooraa ishee keessatti du’aa fi madoo tolchuun injifannoo boonsaa galmeessaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading