ONM-ABO Hagayya 18, 2024
Uummata Oromoo gooluuf addatti dirqama fudhatanii kan bobba’an loltoonni Abiy Ahimed hidhaa fi saamicha guyyaa guyyaan uummata Oromoo irratti raawwatan cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa bakkoota hundatti hidhaa fi saamichi loltoota Bilxiginnaa kanaan jabaatee jira.
Ganda Dangaallii jedhamu irraa Hagayya 14, 2024 akkasumas, Hagayya 16, 2024 namootni maqaan isaanii:
- Daraartuu Sanbataa,
- Burqaa Waganuu,
- Kiisoo Gurmuu fi
- Fiqiruu Galataa jedhamaniif kanneen biroo hedduun badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf bulchiinsa magaalaa Jimaataatti hidhamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Itti dabaluun guyyuma dheengaddaa kana Hagayya 16, 2024 loltootni sirnichaa ganda Tokkummaa Tsigee jedhamu irraa jiraataa maqaan isaa Nagaash Amantee jedhamu “obboleessa keetu miseensa WBO’ti” jechuun reebicha hamaa erga irraan ga’aniin booda loon tokko kan maatii isaa kan saaman waliin gara waajjira poolisii aanichaatti fuudhanii deemuu jiraattonni eeranii jiru.
Oduu saamichaan walqabatu kan biroon ammoo, guyyuma sana Hagayya 16, 2024 ganda Dangaallii Gonkee bakka addaa Abbaa Daalee jedhamu irraa waraanni bilxiginnaa aanaa Saasiggaa irraa maqaa sakattaan bobbaate hoolotaa fi re’oota jiraattota jalaa saamanii jiru.
Jiraattonni saamaman Kunneenis maqaan isaanii:
Sibiiluu Gabayyoo jalaa hoolaa tokkoo fi Aadde Geexee kan jedhamtu jalaa re’oota torba (7) jalaa ooffatanii kan deeman yoo ta’u, “Aadde Geexeen nama siyaasa kam keessaa qooda hin qabne harka qalleettii ofiifuu rakkattee bultu namarraa qixxee fuutee tikfattee jiraattuudha” jechuun maddeen itti dabaluun eeraniiru.



