ONM-ABO Hagayya 24, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBO’n Itti Fufiinsa Bobbaa Irbuu Shinniiggaan tarkaanfii laalessaa waraana weerartuu Bilxiginnaa irratti zoonii waraanaa cufa keessatti fudhachuun du’aa fi madoon adabaa jira.
Haaluma kanaan jajjabeen WBO Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Madda Walaabuu godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa keessatti dheengadda Hagayya 22, 2024 waraana faashistii PP magaalaa Gooroo jedhamtu maadheffattee jirtu mooraa isheetti itti seenuun tarkaanfii jabaa irratti fudhateen loltoota barcuma nam-tokkee tiksuuf dhamaatu rasaasaan waadee baaruudaan macheessuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Loltoota maafiyaa PP irraa 19 yoo ajjeesu 11 madeessee loltuu diinaa tokko qawwee fi hidhaannoo waliin booji’eera.
Waraana Bilxiginnaa lola kana irraa hafte mooricha keessaa baqachiisee baasuun qophiilee waraanaa hedduu irraa hiikee moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.

