• Fri. Jan 2nd, 2026

WBOn godina Baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa keessatti tarkaanfii fudhateen diina du’aa fi madoon adabe

Jun 22, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 22, 2023

Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii Abiy Ahimed irratti fudhatee Oromiyaa keessaa baasuu karoorfate jabeessuun  godina Baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa keessatti diina harcaasee jira.

Kaleessa Waxabajjii 21, 2023 jajjabeen WBO zoonii kibba bahaa Cibraan Jaal  Nadhii Gammadaa halkaan edaa sa’a 2:30 irratti aanaa Adamii Tuulluu Jiddoo Konbolchaa magaalaa Oo’iituu seenuun mooraa loltoota PP irratti haleelaa taasisee 7 ajjeesee 10 madoo taasisuun meeshaalee hedduu booji’ee  dantaa qabsoof  oolchee jira.

Ittuma fufuun guyyaa har’a jechuun Waxabajjii 22 godina Arsii Bahaa Aanaa Muuneessaa gandaa Heebaan Dhuubbo keessatti Cibraan kun waraana PP maqaa sakattaan bobbaate haxxee itti hidhuun  ganama sa’a 1:20 irraa hanga sa’a 9:50tti humna dabalata aanaalee irraa dhufan dabalatee  lola guyyaa guutuu waliin  geggeesseen loltoota PP 45 ajjeesee 100 madoo  taasisuun injifannoon goolabee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading