Kabajamaa Ummata Oromoo; kan biyya kee irratti mirga akka namaatti jiraachuu dhorkamtee lolli si irratti labsamee dararaa guddaa keessa jirtu,
Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo; kan kaayyoo ummata Oromoo bakkaan gahuuf diina kuffisaa kufaa jirtu,
Hogganoota, Qondaaloota Miseensotaa fi Deggertoota ABO-WBO; kan kaayyoo bilisummaa uummata keenyaa dhugoomsuuf roga hundaan qabsoo keessatti qooda fudhachaa jirtan,
Qeerroo Bilisummaa Oromoo; kan gabrummaa diduudhaan kaayyoo bilisummaaf wareegama ulfaataa baasaa jirtan,
Ilmaan Oromoo mana hidhaa; kan sababa ilaalcha siyaasaa keessaniif gidiraa argaa jirtan,
Barri moofaan kan 2025 dhumatee yeroo gara bara haarayaa 2026tti seennu ajajaan ol’aanaa ABO-WBO maqaa uummata Oromoo, gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo, hogganoota, qondaalotaa fi miseensota ABO-WBOtiin baga ittiin isin gahee, baga bara haarayaa 2026 waliin geenye jedha. Waggaan haaraa itti seenaa jirru kun bara qabsoon bilisummaa Oromoo dagaagee gudunfaa itti argatu, akkasumas bara ummatootni cunqurfamoo marti sirna cunqursaa fi ukkaamsaa kana of irraa kaasanii bilisooman akka tahu hawwii qabnu ibsina. Guyyaan kun ABO-WBO biratti akka ayyaana dachaatti kabajama. Sadarkaa tokkoffaatti, injifannoo abbootiin keenyi bara dhuma 1970ta keessa galmeessanii Amajjii 1, 1980 kabajan yaadachuun injifannoo ABO-WBOn har’a galmeessaa jiru waliin wal-madaalchisaa, irbuu ofii haaromfannee, kaayyoo sabaa galmaan gahuuf yeroo ta’u; inni lammaffaa ammoo barri moofaan dhumatee bara haaraan waan seenuuf hojii bara darbee gamaaggamnee kan bara 2026tti afuura haaraa fi karoora haaraan simachuufi.
Guyyaan WBO Amajjii 1, 1980 keessatti kabajamee fi haalli har’a keessa jirru garaagarummaa qabaatus bu’uurri isaa tokko. Bara 1980 keessa namoota muraasa kan dirree qabsoo keessa jiranii fi namoota hagoo dammaqoo kan magaala keessa jiran qofaatu irraa qooda fudhata. Har’a uummati keenyi kumaa kitilaan lakkaawamuun guyyaa ulfoo kana kabaja. Haalli quunnamtii bara sanaa xalayaa walitti erganii fi har’a quunnamtii saffisaa intarneetaan wal arganiis addummaa qaba. Qabsoon har’aa keessattu dhalooti 1991 booda dhalate, kan afaan isaatiin baratee guddate, dhaloota qabsoo roga hunda baratee lolaa fi nagaallee keessummeessuu dandahuun hogganamaa jira. Mootummaan bara 1980ta keessa abbootiin keenya lolaa turanii fi kan ammaa kun fuulaa fi afaan jijjiirratee jira. Diinni afaan keenya dubbataa nu ajjeesaa jiru afaanfaajjii dhalchaa ture amma sadarkaa tokkotti hubatameera.
Haala kanaan bara Oromoon masaraa Minilik seene jedhame gannoota 7 keessatti wareegamni Oromoon baasaa jiru ulfaataa dha. Wareegamni baroottan torban keessa Oromoon baase kan ida’ama wareegama jaarraa darbe keessa baase ni caala. Bara namni Afaan Oromoo dubbatu biyya bulchaa jira jedhamu keessatti ajjeechaan sukkaneessaa maaliif guddate? Mootummaan saba ajjeesu saba bakka bu’uu dandahaa? Sirni paartii eenyummaa Oromoo fi sabummaa waakkatu akkamiin dantaa Oromoo tiksuu dandaha? Mootummaan Oromoof yaadu Oromoo ajjeesaa? Oromoon mootummaan isa bakka bu’u yeroo itti filannoon mirkaneesse qabaa? Gaaffiileen jedhan hibboo ta’uu hin qaban.
Mootummaan Bilxiginnaa (PP) ofiin jedhu kun aangoo fi humna waraanaa sirna darbe irraa dhaalee dhuunfatee, dinagdee biyya Arabaa UAE jedhamtu irraa argatuun humna waraanaa dhaalmayaan argate jiraachisaa, midiyaa fi midiyaa hawaasummaa irraan seenessa dogoggorsaa facaasaa uummattoota walitti buusuun dinagdee hunda tohatee, beektota siyaasaa garii dantaan bituun, paartiilee siyaasaa walabaa diigee, murtii isaatiin Oromiyaa fi naannoo gaanfa Afrikaa dirree lolaatti jijjiiree jira.
Murni kun uummattoota ollaa walii jiran walitti buusuuf humna WBO fakkaatee yakka dalaguu fi humna Faannoo fakkaatee yakka dalagu tolchuun uummata lafa irraa duguugaa ture uummataa fi hawaasa idil-addunyaa biraa dhokataa miti. Rakkoo daangaa naannoo Somali fi Oromiya gidduu ibidda qabate akka lubbuun namaa gaga’amu shirri hedduu xaxamaa ture. Dhimma Dirree Dhawaa dabalatee ajandaa Bilxiginnaan uummattoota walitti buusuuf dhama’aa jirtu keessaa tokko.
PPn siyaasa hojjechuu dadhabde miseensota WBO bara dheeraa dura gananii fi yakka hojjechaa jiran waliin araaramne jechuun diraamaa hojjechuun kufaatii isaanii fi yakka ol’aanaa uummata irratti raawwachaa turan kan saaxile dha. Gaaffii siyaasaa sabichaa qaama saba bakka bu’u waliin marihachuun furmaata itti tochuu irra namoota dhuunfaa dantaan bituun imaammata murna biyya bulcha ofiin jedhuu ta’uu bara itti hubatame dha.
Haala kanaan Bilxiginnaan yakkoota sududaa fi harka ergamtootaan raawwateen ajjeechaan jumlaa, gudeeddiin da’immanii, yakka waraanaa fi dhiittaan mirga dhala namaa Oromiyaa keessatti raawwatame gama mootummootaa fi qaamota mirga dhala namaaf falamaniin haga ta’e gabaafamee jira. Ilmaan Oromoo haqa sabaaf dhaabbatan, warra Oromoon akka qaroo ija isaatti ilaalu kan kumaatamaan lakkaawaman ammoo sababa ilaalcha siyaasaa isaaniif qofa mana hidhaatti guuree hiraarsaa jira. Walumaa galatti Oromiyaan bara 2025 keessa lola ulfaataa keessa turte.
Haa ta’uutii gama WBOtiiin duula lolaa fi ololaa humnoota kanaan nurratti gaggeeffame mara fashalsinee diina qaanfachiisnee ilmaan Oromoo ammoo mataa ol qabneerra. Diina nu dhabamsiisuuf nutti bobbaafamtes haleellee haallattii Oromiyaa soorreerra. Diinnni QBO laaffisuuf fi WBOn haa hiikkatu ykn dhabamuu qaba jettee bobbaa irra turte hedduu fashalsuun injifannee humni ani mootummaa dha ofiin jedhu akka riphee lolaatti akka sosso’u dirqinee jirra. Waraanni Bilisummaa Oromoo Golee Oromiyaa mara keessatti injifannoolee hedduu galmeesse keessaa yoo xiqqaate bara 2025 keessa, duula chichoomina kaayyoo fi duula adda-kumaan kutaa waraana Biltsiginna 7 ol ta’an hojii ala taasisee jira.
Gama ijaarsaa fi siyaasaa, Diplomaasii, Dinagdee, midiyaa fi subqunnamtiin Oromoon biyya ambaa fi biyya keessaa hojii boonsaa hojjechaa jiru. Murannoo Oromoon qabsoo isaa keessatti qooda fudhachuuf kaka’umsa agarsiise ajajaan ol’aanaa ABO-WBO ni dinqisiifata. Oromoon qabsoo isaa bira dhaabbachuuf gulantaa gulantaan wal ijaaree sosso’uun hojii nama boonsu hojjetee jira. Haala kanaan Oromoon Biyya ambaa fi Biyya keessaa bifa qindoomina qabuun deeggarsa isaa dachaan akka guddisu haalli siyaasi naannoo gaanfa Afrikaa diqaa jira.
Haala gaanfa Afrikaatti dhalachaa jiru kana injifachuun tokkummaa Oromoo fi hariiroo sabootaa waan gaafatuuf Oromoon wal ta’uun afaan tokkoon akka sirni ajjechaa kun irraa ka’u kallattii kaawwachuun tarkaanfii jajjabeessaa dha. Diinnis toftaa jijjiirratee bulguun kaaba irraa natti dhufaa jira Oromoo na baraari jedhee gargaarsa uummata ajjeesaa jiru kadhachuun kufaatiin isaa dhiyaachu agarsiisa. Waan ta’eef, saboota rakkoo wal fakkaataa qaban waliin wal hubannoo irra gahaa, lola saboota gidduutti akka gaggeeffamuu shiramaa jiru fashalsaa, qaama mirgaa fi nagaa nu dhorke lola keessa nu jiraachisuu hawwu kana of irraa kaasuun yeroon isaa amma.
Didhaa baroottan darban keessa nu mudachaa ture keessaa mootummaan Impayera Itiyophiyaa kan Oromooti jettu bara 2025 keessa akka addunyaa fi saboota biratti hubatamee jira. Gama siyaasaanis bara 2025 keessa diinni qabsoo Oromoo fi WBO dhabamsiisuuf olola guddaa nu irratti kan gaggeesse tahullee, jabina gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo fi qaroomina uummata Oromootiin fashaleera. Barri kun bara WBO fi uummatni Oromoo wal fudhatee, wal hubatee fi wal dhaggeeffatee maadhee diinaa itti diige dha.
Haala kanaan ilmaan Oromoo marti wal jabeessuun miidhaa ol’aanaa uummata keenya irraa gahaa jiru dhaabuuf humna ta’uu qofaan fala ta’uu ajajaan ol-aanaa ABO-WBOn irra deebi’ee yaadachiisa. ABO-WBOn haqa Oromoo bakkatti deebisuuf uummata isaaf roga hundaan qabsaa’uun tokkummaan sosso’u waamicha dabarsa. Furmaatni rakkoo siyaasaa Impaayera Itophiyaa hudhee qabee jiru nam-tokkee aangoo irratti tiksuu dha. Jijjiirama sirna kana bakkatti dhiisuun argamus hin jiru. Kanaaf, quuqamtoota sabaa sirnicha keessa jiran akka ija banatanii hiriira isaanii sirreeffatan ajajaan ol’aanaa ABO-WBO yaadachiisa.
Qabsoon Bilisummaa Oromoo galmaan gahuuf WBO murannoo fi cichoomina abbootii isaa irraa dhaale daran jabeeffatee onnee fi qalbii isaa keessaa qaba. Mirga ofii abbaa dhimmaatu jabaatee fudhata malee namni akka kennaatti nama badhaasu hin jiru! Of-duras qabsoon bilisummaaf gaggeeffamaa jiru kan of duuba hin deebine ta’uu mirkaneessaa ABO-WBO gaafatama ulfaataa ofitti fudhatee milkaahina kaayyoo saba keenyaaf ammoo hirmaannaa saba guddeessaa ol-kaasuun murteessaa ta’uu dhaammanna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Ajajaa ol’aanaa ABO-WBO
Amajjii 1, 2026
