Qoosaan Biyyoolessaa Abiy Ahmed Yakka Siyaasaati (Ibsa ABO-WBO) Ibsa Bitootessa 23, 2026 baafneen yakkoota Abiy Ahmed ummata Oromoo irratti raawwachuuf qophaayaa jiru tarreessinee turre. Kaardileen sun hedduun taphatti seenanii bu’aa hedduu malee erga darbanii, amma kaardiin “Marii Biyyaallessaa” fi “Heera fooyyeessuu” jedhamu Oromoo fi Oromiyaa bittinsuuf fixee irra gahee jira. Qoosaa Biyyoolesssaa kana irratti dhimmoota dabalataa muraasa:
1. “Marii Biyyoolessa” kana keessaa kan qooda fudhachaa jiru Abiyyi fi kaadiroota isaa qofa. Humnooti siyaasaa Oromoos ta’e bakka buu’oonni ummataa keessa hin jirani. Kan saboota biyyattii kaaniis akkasuma.
2. Waltajjiin kun hunda bifa hammateen otoo qophayeellee, mariin Abiyyi Ahmad jalatti gaggeeffamu, gaaffii Oromoo hammeessuu malee furuu hin danda’u. Abiy Ahmed dantaa Oromoo danquu fi quucarsuun hojii siyaasaa isaa isa jalqabaafi dhumaati. Gaaffilee ummata kaaniifis naatoo dhugaa hin qabu.
3. Kaayyoon diraamaa kanaa lama: Tokko, Abiy Ahmediin Prezidaantii gochuu dha. Kan lammataa fi inni ijoon, Oromiyaa godinatti qoodanii bittinsuudha. Finfinne fi Dirree Dawaa Oromiyaa jalaa baasuu dha. Oromiyaan, handhuurri ishee Finfinneefi magaalli ishee lammaffaa, Dirree Dawaan, sarara diimaa Oromooti. Dhiigaan ijaarre, dhiigaan tikfanna.
4. Gaaffileen ijoon biyyattii hundeerraa goolan, xumura waraanaa booda, waltajjii bakka bu’oonni ummatootaa hundi argamanitti mariif dhiyaatu.
5. Komishinaroonnii fi namooti qoosaa biyyaalessaa kana dandeessisuuf dhama’an, “mariin” kun rakkoo biyyattii akka hin furree fi tapha nama tokkoo akka ta’e sirriitti beeku. Itti gaafatamummaa seeraa fi seenaa jalaa hin bahani.
Ajaja Olaanaa ABO-WBO Adoolessa 19, 2026 #Oromia #Ethiopia

