ONM-ABO | Onkoloolessa 17, 2026
Godina Lixa Shaggar aanaa Dirree Hinciinni ganda Arfiinjoo Daggaa jedhamu keessatti gaafa Onkoloolessa 10, 2026 sirna dhableeyyiin ergamtoota Bilxiginnaa qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Fufaa Reefuu Raafaa jedhamu sababa tokko malee ukkaamsaanii hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu jiraatoonnii gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Qonnaan bulaan loltoota maafiyaa Bilxiginnaatiin qabamee hidhaatti darbatame kun badii dalagee qabatee osoo hin taane maqaa sobaa inni keessaa hin qabne “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun sobaan yakkanii hidhaatti darbachuu maddeen ifoomsaniiru.
Qonnaan bulaan kun yeroo hedduu loltoota maafiyaa Bilxiginnaatiin qabamuun irraa deddeebiin mana hidhaatti geeffamee dararaama akka turee jiraattonni ONM dubbise addeessaniiru.
Waraanni maafiyaa PP ajaja gubbaa irraa fudhachuun ilmaan Oromoo maqaa garaa garaa itti maxxansuun ajjeesuu, hidhuu, humnaan waraanatti bobbaasuu fi qabeenyaa sabichaa mancaasuu akkaan jabeessanii jiraachuun dhugaa qabatamaan mul’ataa jirudha.

