• Tue. Nov 24th, 2026

Loltootni bilxiginnaa sirnacha ganuun WBOtti makamuu itti fufan

Jun 22, 2023

ONM-ABO Waxabajjii 22, 2023

Miseensotni Waraanni bilxiginnaa sirna abaramaa uummata Oromoo lafa irraa balleessuuf hojjechaa jiru gananii WBOtti makamuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan Waxabajjii 22, 2023 waraanni PP 3 hidhannoo guutuudhaan gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii Kibbaa bahaa Oromiyaatti harka kennatan.

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii kun 1 godinaa arsii lixaa Aanaa Heebaan Arsii ganda Sadee Sadiin jedhamu irraa meeshaa AKM 1, rasasa 150 fudhaachuun WBO Cibraa Jaal Nadhii Gammadaa bira ga’ee jira.


Ittuma fufuun miseensonni  raayyaa ittisa impaayerattii 2 godina Arsii bahaa aanaa Martii fi  Jajuu irraa meeshaa AKM Turkey 2, gumbii  6, rasaasa 300 fi boombii fudhaachuun nagaan WBO Cibraa Hambaa Aanoleetti harkaa kennatanii jiru.

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kibba bahaa miseensota waraana bilxiginnaa duraanii kanaaf simannaa oo’aa taasisuun, ilmaa Oromoo achi keessatti hafanis faana isaanii hordofuun qawwee fi hidhannoo isaanii waliin sirna cubbamaa gabrummaa Oromoo irra bubbulchuuf hojjechaa jiru ganuun qabsoo saba isaaniitti akka makaman dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply