ONM-ABO Hagayya 17, 2024
Murni Bilxiginnaa afaan qawween imphaayerattii bulchaa jiru hawaasa badii tokko malee akka ani jedhetti bulaa jechuun reebicha hamaa irraan ga’uu, hidhuu, ajjeesuu, akkasumas; qe’ee fi qabeenya isaa barbadeessuu jabeessanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan Hagayya 15, 2024 Baha Shaggar aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa ganda Jeelaa Aluutoo keessatti kan dhalate Barsiisaa Jiloo Nagawoo jedhamu magaalaa Bulbulaa keessatti osoo inni doqdoqqeen daandii imalaa jiruu gaaffii tokko malee rasaasaan rukutan.
Rasaasaan doqdoqqee waliin erga rukutanii daandii irraa maqsanii booda daandii irraa butuun lafatti rasaasa itti dabalanii ajjeesan.
Namni kun barsiisaa mana barumsaa Qarxafaa Waraansaa jedhamu irratti dura ta’aa yoo ta’u, nama nagaa hawaasa mana barumsichaan kabajamuu fi jaallatamu akka ta’e hiriyootni fi barattootni ni dubbatu.
Haa ta’u malee murni ol adeemtotaa fi hayyoota Oromoo karaatti hambisee Oromoo egeree dhabsiisuuf hojjechaa jiru Bilxiginnaan, bakka cufatti gochoota wal fakkaatoo hojjechuun kan beekamu yoo ta’u, bara darbe barsiisota abbaa manaa fi haadha manaa Lixa Shaggar keessatti guyyaa tokkotti ajjeesuun isaanii ni yaadatama.

