Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensi waraana bilxiginnaa tokko baha Shaggar ona Adaamii Tulluu fi Jiddoo Kombolchaa keessatti WBOtti harka kennate

Miseensi waraana bilxiginnaa tokko baha Shaggar ona Adaamii Tulluu fi Jiddoo Kombolchaa keessatti WBOtti harka kennate.

ONM-ABO Hagayya 26,2022 Ilmaan Oromoo miseensa waraana murna bilxiginnaa ta’a mooraa sirna cubbuu fi dabaa kana gananii WBOtti harka kennachuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan Hagayya 26,2022 baha Shaggar ona Adaamii Tulluu fi Jiddoo Kombolchaa mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Bulbulaa naannoo Sodaash keessaa ilmi Oromoo tokko qawwee AKM 1fi rasaasa 30 waliin mooraa diinaa ganuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBO hogganamutti harka kennatee jira.

Ilmi Oromoo kun kanaan dura dirqamaan qabamee akka leenjii fudhate kaasuun sirnichi uummata Oromoo balleessuuf nafxeenyaa waliin wal ta’ee hojjechaa waan jiruuf ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta’anii amma sirnicha tajaajilaa jiran sirnicha ganuun gara WBOtti harka kennatan dhaamsa dabarfateera.

Exit mobile version