Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii lixaa aanaa Gadab Hasaasaa keessatti reebichi hamaan poolisii idilee sirnichaan dargaggoo tokko irratti raawwatame

ONM-ABO Guraandhala 21, 2024

Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo of dura qabuun kaabinoonnii fi hidhattootni murna bilxiginnaa namoota nagaa gochaa isaanii malee adamsanii reebicha hamaa keessa deebii hin qabne irratti geggeessuun qaama hir’uu gochuu bira darbee du’aaf jireenya gidduutti hambisaa jiru.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Guraandhala 19, 2024 godina Arsii lixaa aanaa Gadab Hasaasaa ganda Koofiraa Shaashee keessaa dargaggoo Jamaal Kaawoo jedhamu maqaa deggaraa WBOti jedhamuun itti aanaan damee nageenyaa aanaa Gadab Hasaasaa obbo Kadir Huseen jedhamu qabuun gara waajjira poolisii geessee poolisoonni mana hidhichaas reebicha hamaa irratti raawwachuun du’aaf jireenya gidduutti akka argamu ibsan.

Dargaggoo kanas poolisoonni maqaan isaanii Baahiruu, Masaay fi Gammadaa jedhaman halkan guutuu tumaa buluun miidhaa jabaa irraan gahaanii akka turanis dabaluun maddeen ibsaniiru.

Exit mobile version