ONM-ABO Guraandhala 7, 2024
Hidhattootni murna bilxiginnaa Oromiyaa keessatti lubbuu namaa rasaasan rukkutanii ajjeesuu bira darbee mana hidhaa namni keessa hin jirretti galchuun beelan lubbuun taphatanii ajjeesaa jiru.
Dargaggoo masfin /Kadir kan jedhamu dhalataa godina Arsii bahaa aanaa Muneessaa iddoo addaa Eegoo bakka jedhamutti kan dhalate yoo ta’u obbolleettiin isaa Arsii lixaa aanaa Gadab Hasaasaa ganda Hiseemana Dabaaraa jedhamttu waan jiraattuf dargaggoon kunis ishee dubbisuuf akka gara sana imale jiraattotni dubbatu.
Akkuma Oromiyaa bakkeewwan hedduutti murni bilxiginnaa namoota gandaan qoodee qabee ajjeechaa fi hidhaa irratti raawwachaa jiru, dargaggoo kanaanis maal asii goota jedhaniini osoo obbolleettii koo biran deemaa jira jedhu qabanii fuudhun mana hidhaa galchan jedhu.
Guyyaa lamaaf erga mana hidhaa bulchaniin booda hidhamtoota biraa baasuun mana kofatti galchanii osoo bishaaniif midhaan itti hin kenniin mana hidhichaa keessatti beelan akka ajjeesan odeessi waajjira poolisii irraa ONM qaqqabe ni addeessa.
Poolisoonni maqaan isaanii Baahiruu fi Snap jedhaman ammoo erga mucichi du’ee booda sobanii akka waan rasaasan ajjeesanii fakkeessuun du’aa isaatti sobanii rasaasa dhukaasan jechuun ibsaniiru.

