ONM-ABO Waxabajjii 21, 2025
Waxabajjii 19, 2025 aanaa Harxummaa Fursee ganda Golboo Arbaa Sokokkee jedhamutti milishoonni murna PP ganama barii barraaqaan qe’ee hawaasaatti marsuun maatii qabsaa’otaa fi sabboontota kan ta’an:
- Naasir Ahimed Yaasin, obboleessa isaa
- daa’ima ganna 14 hin caalle maqaan isaa Nasraddiin Ahimed Yaasin jedhamuu fi
- Mahaammad Ahimed Sulxaan Ibraahim kan jedhamu daa’ima ganna 15
badii tokko malee mana isaanii keessaa qabuun hidhaatti darbataniiru.
Akka jiraattotni ganda Sokokkee himanitti, daa’ima Mahaammad Ahimed Sulxaan jedhamu kana milishoonni sirnichaa “qawween mana keessan jiraa fidi” ittiin jechuun balbala maatii isaa duratti reebicha suukkanneessaa irratti raawwataniin mataa isaa buruqsanii harka tokkos caccabsuun iddoo Mudha-Hiddii jedhamutti hidhanii yaala tokko osoo hin argatin dararaa kan jiran ta’uu fi daa’imni kun miidhaa irra ga’eenis haalli fayyummaa isaa daran yaaddessaa ta’uun eerameera.
Dabalataan gandichumatti lukkeeleen Bilxiginnaa namoota maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ta’an ganda Sokokkee kana keessaa hawaasa dirqiin irratti kakaasuun maatiin sabboontotaa akka nurraa buqqa’an jedhanii abbootii warraa danuu ilmaan isaanii waliin gandicha irraa buqqisanii jiraachuu fi warroota hafanis gara fuul-duraatti buqqisuuf akeekkachiisaa jiraachuun barameera.
Caasaaleen Bilxiginnaa hawaasa waggoota baay’eedhaaf jaalalaa fi kabajaan waliin jiraachaa turan gargar qoqqooduun, maqaa maatii qabsaa’otaa fi sabboontota jedhuun fedhii hawaasaa malee dirqamaan jiraattota irratti kakaasuun, akka booddee hawaasni kun ofiif wal diinomfatee wal ajjeesuuf summii hawaasa jidduutti facaasaa jiru.

